Maashinni Waraanaa kaaba impaayerichaatti lola oomishuun beekkamu ajandaa waraana inni dhaluun barootaf lubbuun dargaggoota gama kibbaa hedduu nyaatamte. Keessahuu dargaggeessi Oromoo lola wikkilinnaa (proxy war) gama sanatti dhalatu keessatti hirmaachun aarsaa guddaa kaaffale. Waraanni dhalatu kamuu xiqqaattus dantaa wayii of keessaa qaba. Dargaggeessi Oromoo garuu tola dinaaf diinasaan loluu keessatti aarsaa hin barbaachifne kaffalaa har'a gahe.
Kana jechuun Sabni guddaan kun akka meeshaatti lola ka'uumsaf galiisaa hin beekne irratti hirmaachuu hin qabu jechuu dha. Dhiigni Oromoo kan dhangala'u dhimma Oromoo qofaaf ta'uu qaba.
Oromoon ergamaa ta'ee lola isa hin ilaallanne hunda irratti hirmaachurra humna jabaa garee lamaanuu akka isatti dhufanii isa kadhatan gochuu danda'u (decisive factor) ta'uu gochaan agarsiisuu qaba.
Lolli Gaanfa Afrikaa kanarratti dhalatu kamuu kan dantaa Oromootti bu'uu hin sodaatuf murtii Ummatichaa barbaadu ta'uu akka qabu gochuu danda'uu qaba. Humna sirna cunqursaa kamuu jijjiruu ykn diiguu danda'u, akkasuma humna biyyaa fi sirna nagaaf tasgabbii qabu ijaaruu danda'u akkasuma humna nagaaf tasgabbii gaanfa Afrikaaf murteessaa ta'e ta'uu hubachuu qaba.
Waraana Godina Gaanfa afrikaa jeequf deemu kana humni dhaabuf tasgabbeessuu danda'u humna Oromoo qofa ta'uu Addunyaatti agarsiisun dirqama. Nagaaf Tasgabbiin Oromiyaa keessa yoo jiraate qofa Impaayera Ethiopias ta'ee Gaanfa Afrikaatti nagaan dhufa. Humni alaa Gaanfa Afrikaa kana irratti nagaaf tasgabbii fiduu barbaadus nu ergatee odoo hin taane nu waliin ta'ee ta'uu qaba.
Kanaaf bifa kamiinuu Diinni keenya yeroo dogoggora raawwatu (ykn wal-lolu), gidduu galanii sirreessuf yeroo ofii gubuurra dhimma keessoo ofii irratti calleensan hojjechuutu murteessa dha.
Carraaf balaa wal dhaba diinaa xinxaalun humna jabaaf murteessaa ta'uuf hojjechuu feesisa. Hiree argame hundaan Qumaara taphachuurraa gara Humna Keessoo ofii Jabeessuu (Internal Consolidation)tti ce'uu gaafata.
Gara Kaabatii humni murteessan nuti Qabnu tokkichi waraana mataa Daabee Zoonii kaabaa jiru qofa !
February 15, 2026 860 2