◾Jaalalaaf foormulaan kana jedhamu hin jiru. "Olkaa'an olka'anii fuudhu" jedhama mitiiree...? Jaalalli akkasi .
Kan ittin dhamaane, kan ittin qophoofne, kan ittin dhimmine eessaa dhufa...? Jaalalli itti qophii barbaada. Yeroon jalqabaa baay'ee tolaaf miidhagaadha. Boqonnaa nama dhorka.
◾Sammuu keenya too'annoo miira haaraa sana jala galchee of nu dagachiisee addunyaa biraa keessa nu joorsa. Haata’u; yeroo bareeda kana argachuutti gammaduun gaariidha.
◾Garuu sana booda of qopheessuun barbaachisaadha...
Jabinni yeroo itti qoramutu, jaalallis, miirri jaalalaas qoramuun ni dhufa, isheenis yeroo itti guutuu taatee waan hedduu yaaduu jalqabdutu dhufa. Kanaaf cimina ofiirratti hojjechuu yaaduun gaariidha.
◾Bakka ofii beekuu, madaala ofii beekuu, kan of fakkaatu beekuu ulaagaa ati jalqaba jaalalaa godhachuu qabdudha.
Jireenya jaalalaa kee keessatti Dubartiin :- sin kabajne, dubartiin si busheessituuf si tuffattu, dubartiin bakka siif hinkennine, sin barbaachistu. Siif hin taatu ; sin madaaltu sin fayyaddu.
◾Atis isheen durbaa akkasuma :- Dhiirri sin kabajne, sin kunuunsine, madaala si barbaachisuuf, bakka si barbaachisu siif hin kennine siif hin ta'u; sin barbaachisu. Bakka kee miti. Nama siif jireenya kee gara fuulduraaf kenname miti. Jaalachuun qofti gahaa miti. Bakka ofii beekuun barbaachisaadha. Ejjennoo toluun akkan kufneef, akkan mucucaanneef Jedha OROMOON !
◾Jireenya kee keessatti dubartii takka faana bu'i. Asiif achi yaaduun jireenya kee tasgabbii dhorka. Tartiiba yaada kee bittinneessa. Yaada kee facaasa. Waan tokkorratti gaafa xiyyeeffattu karoorri jiruu kee wal qabata. Eeyyee dubartii takkarratti gaafa qalbii kee walitti qabdee teessu karooraaf yaadota biroo hedduutti sammuun kee hojiirra oola malee burjaajiin sin rakkisu ; atis isheen durba akkasuma, Sammuun hin facaane immoo misooma gaariirratti argama.
◾Kan si geessu, kan si barbaachiftu, kan qalbiif yaadni kee itti boqote takka argatte waan ta'eef jireenyi kee tasgabbii keessa jira. Kanaaf takka irratti xiyyeeffadhu, Oliif gadi hin joorin. Kudhan argiteef bakka kudhanitti ofin kukkutin. Takka jaaladhu yaada keef eenyummaa kee tasgabbeessi , Jaalalaa DHUGAA Namaa sanaaf qabaadhu !
◈Share◈Share
✨。\|/。🌺
─────•◈🔥◈•─────
@jalalaadhugaa
─────•◈🔥◈•─────
💜。/|\。💎
🔺JOIN🔺