jaalala_Dhugaa! Goroorri kee dammaa Laphee koo qabbaneessa Osoon siโ€ฆ โ€” Jalalaa dhugaa โ€” TG.ME

#jaalala_Dhugaa!

Goroorri kee dammaa
Laphee koo qabbaneessa
Osoon si argee ammaa
Dadhabbi koon balleessaa๐Ÿ’—

Halkanii guyyaan siyaadaa
Loosha onneef mootii
Silaa sii fudheen badaa
Akka yaada kootii.๐Ÿ‘ซ

Gubaan yaada keetii
Takkallee nan ciibsuu
Qalbiin sumaa feetii
Me akkamiin siif ibsuu?

Deemuus nan deemsisuu
Simalee galmaan gahuu
Taa'uus nan teessiisuu
Rafuus dharraan bahuu

Nama jaalatan yaadanii
Qalbiin hawwee dharra'aa
Yaadaanis yoo badanii
Garaan nama boora'aa๐Ÿค”

Jechuma kamiin ibsuu
Miidhaginnii kee addaa
Osoo tiyyaa ta'uu baattee
Silaallleen baayyeen gaddaa๐Ÿ˜ฅ

Gaafaan dura si arguu
Baayyeen sitti nahee
Of to'achuu dadhabeen
Gaggabee lafa dhahee.

Dhibee kuffistuu se,anii
Namoonni naa dheessanii
Hiriyyoonni koo fuudhanii
Mana yaalaa naa geessanii

Ergaan hospitaala seenee
Namaa keessaan bahee
Bu'aan dhukkubaa kootii
Dawaan sii duwwaa ta'ee

Argaa guyyaa tokkoon
Keessaa koo waraantee๐Ÿ’˜
Booda suutumaa suutaa
Onnee koo wallaanteeโ™ฅ๏ธ

Ergaan hospitaalaa bahee
Bakka jirtuun gaafadhee
Si argeen sitti gammadee
Onneerraa sii jaaladhee๐Ÿ’

To'aattuu jireenyaa too!
Waan ofii damma too!
Gaar-tokkee tiruu too!
Siin yaadee ..........too!

Kophaa ta'een mukkaa'ee
Boontuu koo na si'eessii
Gorora kee dammasan
Koottuu natti mi'eessii.

Anoo amala qabeessaa
Sin rakkisuu badaa
Duudhaaf safuun qabaa
Ani ilmi abbaa gadaa

Narraan fagaatiin maaloo
Sidhabnaan nan aaraa
Argaan kee naaf dawaadha
Dhibee keessa koo yaalaa.

Simalee homaan qabuu
Dadhabbi narraa balleessii
Gubadhee bee waan ofii
Koottuu na qabbaneessii.

Garaan kee yoo naa nahee
Jaalalaan naa wallaanii
Sumaaf jedheen ta'ee
Miidhama naa baraarii

Rifeensa kee qaqqabeen
Foolii kee fuunfadhaa
Achi gadii bu'een ammoo
Handhura keen dhungadhaa๐Ÿ’‹

Karaatti dadhabdee
Muugdee najalaa rafinii
Sii duwwaan abdaadhee
Adaraa narraan hafinii

Egaa maal godhuree
Homaan jedhuf maleessaa
Fageenyaatu na danqee
Uumpha๐Ÿ’‹afaan kee keessaa.

Na laamsheessaa bar
Guutuummaa qaama koo
Si arguun jabaadhaa!
Uuuuuuphaa๐Ÿ’‹damma koo!

๐Ÿ’‹๐Ÿ’‹๐ŸŒนโ™ฅ๏ธ๐ŸŒน๐Ÿ’šโคโค
๐Ÿ’‹๐Ÿ’‹๐ŸŒนโ™ฅ๏ธ๐ŸŒน๐Ÿ’šโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธ
๐Ÿ’‹๐Ÿ’‹๐ŸŒนโค๐ŸŒน๐Ÿ’šโค
October 28, 2022 28.8K 257