"Sin jaaladha jedhi
Yookaan deemi didii
deemuun dura garuu
#Durbummaa_Koo_fidi๐
Ijji koo simalee
Homaa nan argituu
Ooyiruunkoo simalee
Midhaan naan margitu!
Sin jaaladha qashtii
Hundarra caalchisee
Guutummaa onnee koo
Si qofan dhaalchise"
Naan jettee hin turree
har'a maaf na ganta?
Anaan eessa keessee
Orma woliin galta?๐ญ
Lakkii dhiisi hin deemini
Waan feeten sitti bitaa
Yoo diddes akka mixii
Ciniineen sitti cita"
Jette Jaalalli gubee
Intalattii waadnaani
Gurbaanni waadaa diigee
irraa qara yaadnaani!
Woggaa kuma-n turani
Yoo baayyate jaatamaa
waadaan buddeena miti
Akkamittiin nyaatama?
Wol dhageenya dhalootaa
Hin gannu safuuf duudhaa
Tokko qofa jaaladhaa
Tokkittii Sana
December 6, 2022 33.9K 165