Kolfi
~
Mee bisiq godhe
kolfi yaa qaxalee
Kolfi umrii'n gabaabsu
ni dheeressa malee
~
Kolfi kee fayyaadha
fuulli kan kees ifaa
Gammachuun garana
karaa keetin dhufaa
~
Gammadi damma koo
sesseeqii taphadhuu
Gadda ajjeesitoo
gammachuun jiraadhuu
~
Kolfi kee kolfa koo
gaddi kees naaf gaddaa
Ifni jireenya koo
ilkaan keerraa maddaa
~
#Share
Share◈Share◈Share
@Jalalaadhugaa
─────•◈🔥◈•─────
💜。/|\。💎
🔺JOIN🔺
October 9, 2022 19.3K 59