Hagayya 8/2018
#Marsaa_5ffaa_kutaa_9ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #9ffaan
Faayidaa Ummataaf jecha Qabiyyee Gadi Lakkisiisuu, Beenyaa Kaffaluu fi Kaafamtoota Misoomaa Deebisanii Dhaabuun akkamitti Raawwatama?
Barbaachisummaan Labsii kanaa fi Sababa misoomaan qabiyyee gadi lakkisiisuu maali?
Mootummaan Qabiyyee irraa adeemsa akkamiitiin uummata kaasuu danda’a?
Hawaasni qabiyyee lafaa yoo gadi dhiisan komii yoo qabaatan eessatti dhiyeeffachuu danda’u?
Adeemsa Misoomaa keessattis Hirmaannan Hawaasaa maal tahuu qaba kan jedhuu fi dhimmoota kaafamtoota misoomatin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
#Obbo_Tafarii_Haylamaariyam ti.
Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
9August 14, 2026 5K 8