Hagayya 22 /2018
#Marsaa_5ffaa_kutaa_11ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa
Qophiin kun
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha.
Qophii keenya har'aa kutaa #11ffaan
Kaayyoon Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Bishaanii maali?
Qabeenya bishaanii qabnu akkaataa kamiin qulqullina isaa eeguu dandeenya?
Labsii Bulchiinsaa fi itti fayyadama Bishaanii ilaalchiisee gochoonni dhoorgaman maal fa’a?
Qulqullina bishaanii eeguuf gochoota seeraan dhoorgaman yoo darban tarkaanfii akkamii hordofsiisa?
Labsiin kunis akka hojii irra oolu gaheen hawaasaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota labsii bulchiinsaa fi itti fayyadama bishaaniin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)
#Obbo_Zabbanaa_Shibashii ti.
Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
3August 28, 2026 2.4K 6