Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa #ILQSOn_Yunivarsiitii_Arsii waliin atoominaan hojjachuuf Sanada Wal-hubannoo (MoU) walii Mallatteessee jira.
(Hagayya 11/2018, ILQSO, Adaamaa)
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Yunivarsiitii Arsii waliin dhimmoota qorannoo fi leenjii seeraa irratti Atoominaan waliin hojjachuuf Sanada Wal_hubannoo walii mallatteessanii jiru.
Kaayyoon waliigaltee kanaa dhimmoota sirna haqaa keessatti rakkoo ta’an irratti qorannoo fi qo'annoo seeraa rakkoo qabatamaa hawaasaa furuu danda’an irratti waliin hojjachuu, leenjiiwwan seeraa dandeettii raawwachiisummaa cimsanii fi barumsa hubannoo seeraa hawaasaa kennuu irratti qindoominaan waliin hojjechuuf akka tahee fi waliigalteen kun waggaa 5niif kan turu ta’uun ibsamee jira.
Sanadni Walhubannoo kun I/A Daarekteera Ol'aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee fi Pirezidantii Yunivarsiitii Arsii Fiqaaduu Mitikkuu (PhD) mallatteessanii jiru.
I/A Daarekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee jila kanaan baga Nagaan Dhuftan erga jedhanii booda, ILQSOn bara hundeeffama isaa irraa eegalee gama leenjii seeraa ogeessota qaamolee haqaatiif kennuu fi qorannoowwan seeraa sirna haqaa Naannichaa fooyyessuu keessatti gahee ol’aanaa qaban gaggeessuun akka hojiirra oolu taasisaa jiraachuu ibsuun, dhimmoota qorannoo fi qo'annoo sirna haqaan walqabatan gaggeessuu, leenjii seeraa kennuu, tajaajila gorsa seeraa fi dhimmoota seeraa biroo irratti Yunivarsiitii Arsii waliin qindoominaan hojjachuun hojiilee keenya caalmatti akka milkeessinuuf carraa guddaa tahuu ibsanii jiru.
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Arsii Fiqaaduu Mitikkuu (PhD) haasaa taasisaniin Yunavarsiitichi kolleejjii 5 , Mana Barnootaa Seeraa 1 fi dhimmoota sirna haqaatiin walqabatan Aanaalee 10 irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, yeroo hawaasni keenya haqa barbaadu kanatti ILQSO waliin hojjachuun hojiilee sirna haqaa fooyyessuu keessatti eegalle daran akka milkeessinu nutaasisa jechuun gammachuu itti dhagahame ibsanii jiru.
Sirna mallattoo Sanada Walhubannoo kana irratti Koreen Bulchiinsaa manneen hojii lamaanii kan argaman yommuu ta'u, sanadni walhubannoo kunis xiyyeeffannoo olaanaa fi walhubannaan hojiirra kan oolu ta'uun isaa eerameera.