Manni Murtii Ol'aanaa Federaalaa Murtii Manni Murtii Ol'aanaa Naannoo Dhimma Yakkaa Federaalaa Irratti Kennu Irraa Komii Dhiyaatu Ilaaluuf Aangoo Ni Qabaa?
====✓✓====✓✓✓✓======✓✓✓✓✓
Aangoo Oliyyannoo Mana Murtii Ol'aanaa Federaalaa
Manni Murtii Ol'aanaa Federaalaa:
1) Murtii Manni Murtii Sadarkaa duraa Federaalaa Dhimma yakkaa irratti kennefi
2) Murtii Manni Murtii Ol'aanaa Naannoo aangoo bakka bu'ummaa isaatiin dhimma federaalaa irratti kenne irraa oliyyannoo dhiyaatu ilaaluuf aangoo abbaa seerummaa ni qaba.
(Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa Haarayaa Isa dhumaa jedhamee kan raabsamaa jiru kwt 28 ilaali)
Hubachiisa:
👉Yaadni tumaa kana keessatti ibsame hiikkoo seeraa dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimma hariiroo Hawaasaa Lakk.Ga.271003 irratti dhiyaateef irratti sagalee caalmaatiin kenne waliin waan walsimu fakkaata.
👉Naannolee Manni Murtii Ol'aanaa Federaalaa Keessatti hin hundoofne ilaalchisee raawwiin tumaa kanaa iftoomina hin qabu. (Tarii, bakka dhaddachaaleen Dhaabbii MMW diigamaa jiranitti wal simuu danda'a)
❓❓Rakkoo baasii, afaanifi dhaqqabamummaadhaan walqabatee uumamuu danda'u ilaalchisee haala dursee mijatetu jiramoo waan birootu yaadame?
❓❓Seerichi kwt 36(2) jalatti, dhimmuma naannoo ilaalchisees, murtiin Mana Murtii Aanaatiin kenname Mana Murtii Ol'aanaatiin yoo cime, Manni Murtii Waliigalaa Naannoo ilaaluuf aangoo hin qabu erga jedhu dabarsuun oliyyannoo yeroo 2ffaa hambisemoo ergaa biroo qabaa? (Yaadni kun Labsii lakk.216/2011 kwt 25(2) waliin yoo ilaalame akkam ta'a jechumaaf)
🔽Mee yaada gumaachaa. Seera haarayaa kana jala jalaa dubbisaa.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.

