Viidiyoo Suukkanneessaa Shamarree Dargaggeettii Reebamtuu Miidiyaa Hawaasaarra Naanna'aa Jiru Irratti Poolisiin Ibsa Kenne!
Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo, Aanaa 4 naannoo 'Alem Bank' jedhamutti, barattootni umrii dargaggummaa keessa jiran kan maqaan isaanii Firdoos Mahaammad, Eeden Daawit fi Haanii Huseen jedhaman, hiriyaa isaanii yeroo reeban viidiyoo agarsiisuu fi miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'e ilaalchisee Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibsa kenneera. Gocha suukkanneessaa kana hordofuun, hawaasni gochicha cimsanii balaaleffachuudhaan qaamoleen yakka kana raawwatan atattamaan seeraan akka gaafataman yaada fi mormii isaanii ibsaa turaniiru.
Qajeelchi Poolisii Magaalaa Finfinnee dhimmicha irratti ibsa kenneen, gochi kun kan raawwatame ji'oota dura Onkololeessa 14, bara 2018 (A.L.I) ta'uu ifoomseera. Poolisiin akka himeetti, viidiyoon kun miidiyaa hawaasaatti ba'uu isaa baatiwwan dura, shakkamtoota sadan kana to'annoo jala oolchuun qorannoo bal'aa gaggeesseera. Shakkamtoonni kunniinis mana murtiitti dhiyaatanii beellamaan hidhamuudhaan, ragaan barbaachisaan walitti qabamee galmeen qorannoo qaama haqaa dhimmi ilaallatuuf ergamuun isaa ibsameera.
Haa ta'u malee, viidiyoon miidhaa shamarree kanaa agarsiisu yeroo ammaa miidiyaatti gadhiifamuun isaa miidhamtuu fi maatii ishee irratti dhiibbaa xin-sammuu hamaa waan fiduuf, qaama viidiyoo kana tamsaasetti tarkaanfii fudhachuuf poolisiin shakkamtoota sadan kana irra deebi'uun to'annoo jala oolchuun qorannoo dabalataa gaggeessaa akka jiru beeksiseera. Dhumarrattis, poolisiin aantummaa, mormii fi aarii hawaasni gocha kana balaaleffachuun namoonni kun seeraan akka gaafataman agarsiise guddaa dinqisiifateera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA