Waliigalteen Dirqama Hojii Hooggansa Ol’aanaa fi Daayrekteroota Mana Hojichaa Gidduutti Gaggeeffame.
(Hagayya 20/2018,ILQSO, Adaamaa)
Koreen Bulchiinsaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO) Waliigaltee Dirqama Hojii Hooggansa Ol’aanaa waliin walii mallatteessee jira.
Koreen Bulchiinsa ILQSO karoora Hojii bara 2019 irratti erga marii taasisee booda karooricha galmaan gahuuf dirqama hojii bara 2019 keessa hojjatamu irratti waliigaluun walii mallatteessan.
Karoorri Hojii bara 2019 kun Daayrekteroota, Dursitoota Garee akkasumas Hojjattoota hunda biratti kan hooggansa dhiyoo isaanii waliin walii mallatteessun hojiileen bara 2019 ittiin milkaa'u tahuun ibsamee jira.
Daayrekteerri Ol'aantun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad, dirqamni hojii hooggansaa fi koree Bulchiinsaa jiddutti walii mallattaa'e kun sadarkaa sadarkaan gadi bu'ee hojjattoota hunda bira gahuun hojjattoonni hundii milkaa'ina karoora bara hojii kana keessatti gahee irraa eegamu bahuu akka qaban dhaamanii jiru.
4August 26, 2026 2.6K 3