Kana hunda hojjechuu cinatti garuu Tattaaffiin hayyichi kun Somaaliyaa keessa osoo jiruu godhe itti fufa qabsoo Misratti jalqabamte tahuu dagachuu hin feesisu. Tuniis Afaan Oromoo Afaan ittiin Barruutiifi afaan barnootaa gochuudha. Tattaaffii Qubee afaan Oromoo moggaasuuf godhamte keessatti kitaabni duraa “FURA AFAAN OROMOO” yoo tahu bara 1969-itti Maqdishotti barreefame. Seenaan isaa bal’aadha.Qubeen laatiin Akka qubee Afaan oromoo ta’ee hojii irra oolu humnootni keessaas ta’e kan biyya alaa baay’een dhiibbaa hangana hin jedhamne taasisaa turan. Dr. Mohammed Reshaad garuu mataa isaaniitiin gufuu kana hunda irra aanuudhaan kitaaba seera Afaan oromootii fi Qubee Afaan oromoo kan “FURA AFAAN OROMOO” jedhu kana yeroo jalqabaatiif barreessan. Sh.Mohaammed Rashaad ergasii kitaaba kana qofa osoo hin taane qubee ofiif uume kanaan kitaaboota amamtiis baay’ee barreesseera. Haaluma kanaan Qubeen amma guutuu oromiyaatti hojii irra oolaa jirtuus qubee Shekh Mohammad Rashaad qabsoo fi wareegama meeqaan gaafas lafa kaa’ee nuuf dabarse sana. Hojii isaa guddoo kanaafis Bara 2009 A.L.A tti Waldaa Qorannoo Oromoo/ Oromo Studies Association’s(OSA) irraa badhaasa argateera. Hojiin Dr. Mohammad Rashad waan barreeffama gabaabaa kana keessatti tarreeffamee dhumuu miti. Yoo Barbaachisaa ta’e mata duree of danda’een irratti haasa’uun ni danda’ama. Walumaa galatti ifaajeen Sheekootiin teenya Afaan Oromoo Afaan Barreeffamaa taasisuudhaaf taasisan gabaabinaan kana fakkaata.
.
Eegaa Namootni Ifaajee kana hunda osoo beekanii qubee Afaan oromoo jijjiiruuf oliif gad wixiifatan yoo jiraatan sababni “Qubeen amma jirtu kun joolletti ulaafte” jedhu sababa quubsaa miti. Maalif yoo jettan nutiis qubeedhuma kanaan barannee as geenye waan ta’eef qubeen waan tokkollee akka hin ulfaanne ni beekna. Isin garuu lakkii namootni qubee kana uuman yookiin Uumamuu qubee kanaatiif sabab ta’an baay’inaan, Sheeka,… sheeka,… sheeka,… waan ta’aniif maqaa sheeka jedhu kanaatu nutti ulfaate yoo jettan wayya natti fakkaata.
.
Goolabbii…
-----
Ifaajee hayyoota gurguddoo armaan olii kana yeroon tarreessu, namoota biraa kan Afaan oromoo sadarkaa amma irra jiru kanaan dhaqqaban hin jiran jechuu kiyya akka hin taane akka naaf hubattaniin barbaada.
.
Eegaa “Dubbii fi Uleen gabaabduu wayya!” jetti oromoon yeroo maakmaaku. Gabaabumatti maal jechuu barbaadeetii, Qubee Afaan oromoo tuttuquu jechuun ifaajee hayyoota kanaa irra miilaan daddeemuu dha waan ta’ee namootni waan kanaan taphachuu barbaadan seenaa gaarii balleessanii seenaa gurraacha irratti of galmeessuu irraa akka of qusatan jechuu barbaadeeti. Nagayatti!
---
●Wabii Barreeffama kiyyaa
….
Dr. Abdulsamad Muhammed, Seenaa Barreefama Afaan Oromootiifi Shoora Dr. Sheek Mahammad Rashaad| Waxabajjii 17, 2013
The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 (Trenton: Red Sea Press, 1994)
Hayward and Hassan, "The Oromo Orthography of Shaykh Bakri Saṗalō", Bulletin of the School of Oriental and African Studies, 44 (1981)
Mekonnen Hunde, Lexical Standardization in Oromo.( May, 2002)
Opride website and other many source
Urjii Ahmad, 2014/1435. (Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa, fuula 90-95)
