WAA’EE ARGANNOO QUBEE AFAAN OROMOO!
***
Hubachiisa: Barreeffamni kun kan barreeffame Waxabajjii 10, 2017 A.L.A’ tti waa’ee “L-A-G-I-M” wajjiin wal-qabatee yoo tahu irra deebiidhaan kan maxxanfame namoota tokko tokkoof Hubannoo uumuudhaafi.
-
KAN ISINITTI ULFAATE QUBEEDHA MOO ABBOOTII QUBEETI?
.
{waatoo jala waatu jira}
-
Ilmi namaa beekkamtummaa argachuuf jecha wanta hin taane hin qabu, dalagaa dhabaafis wanta hin hojjenne hin qabu. Ilmi namaa waan hawaasaa fi saba isaa fayyadu tolchee dhalootaaf dabarsuun beekamtummaa ni argata. Akkasuma karaa faallaatiin waa balleessuu/jal’isuunis beekamtummaa ni argata. Haaluma kanaan Abbootiin keenya warren quuqama saba isaanii irraa qaban Qubee Afaan oromoo amma itti fayyadamnu kana haala bareedaa ta’ee bocanii dhalootaaf dabarsuudhaan beekumtii yoo argatan, warri amma qubee kana diiguudhaan haaroomsa itti goona jedhan kunniin immoo karaa badiitiin beekamtummaa kuufachuuf yaalii godhaa jiru. Wanti nama ajaa’ibsiisu garuu namnootni waan kana hojjetan hojii akka hojii ijoollee xixiqqoon taphattuutiin taphatan. Maaliif jennaan qubee Afaan guddaa saba bal’aa kanaa dhiisaatii sabni xiqqaan duudhaa fii seenaa hin qabne tokkoo illeen dhimma gurguddaa akkanaa kana irratti humna danda’uun namoota beektoota jedhee yaadu irratti mariisisuun waanuma hin hafne. Kan keenya kun garuu baasa/ajaa’iba! Namni seenaa Afaan Oromoo ittiin sadarkaa kana ga’e beeku akkuma salphaatti qoosaa akkanaa kanaaf lafaa hin ka’u.
.
Afaan Oromoo sadarkaa amma jiru kana irra kan ga’e akkanumaan osoo hin taane sadarkaa fii ifaajee hangana hin jedhamne keessa dabreeti. Mee gabaabinaan seenaa Afaan oromoo haa ilaallu:-
.
1.Anniyyii fii Daanniyyi
---
Akka Ragaaleen gara garaa argisiisutti, Ifaajee Afaan Oromootiin barreessuuf godhamte yoo ilaallu; Ragaan harkaa qabnu akka mul’isutti kitaabni duraa Raayya (wallo) keessatti bara sheekoota Aanniyyi fi Daanniyyi akka keessa barreeffameedha. Kitaamni kuniis kitaaba manzuumaati. Kan inni barreeffameenis harkaan yoo ta’u qubeen inni itti fayyadame immoo qubee Afaan Arabaati. Qubee Afaan Arabaatiin Afaan oromoo barreessun Jabinaa fii hanqinaas ni qaba.
A.Jabina:- Qubeen Afaan Arabaa wanti barreeffama Afaan oromootiif mijeessu seera dheerina, gabaabina, laafinaafi jabeenya sagalee mul’isan sirritti kan qabu ta’uu isaati.kanaafis:
●Dheereessuudhaaf=Madd(آ)
●Jabeessuudhaaf=Shaddaah(ّ) fii kkf yoo qabaatu.
Akka dubbachiiftuutti imoo:-
●a=fatah(َ)
●i=kasra(ِ) fi
●u=damma(ُ) fa’a kan qabuu dha.
B.Hanqina:-Akka hanqinaatti immoo qubeen Afaan Arabaa Qubeewwan sagaleewwan Afaan oromoo bakka bu’anii barreessuu danda’an hanga tokko hin qabu. Fakkeenyaaf: kanneen akka; c, ch, dh, g, ny fi ph fa’a.
Haa ta’uu malee garuu Sagaleewwan Afaan oromoo barreessuu keessatti Qubeewwan warra Saabaa irra haalaan wayya. Sheekootiin tuniis(Anniyyi fi Daanniyi) qubee kanaan kan fayyadamaniis kanumaaf fakkaata.
.
2.Sheeikh Bakrii saphalo
---
Hayyoota Oromoo kanneen Afaan Oromootiif qubee qoranii qopheessuuf tattaaffii godhan keessaa, kan duraatiifi guddichi, -Sheek Bakrii Saphalooti. Sheek Bakrii Saphaalloo maqaan dhalootaa isaanii Abubakar Garad Usmaan jedhamu. Kan dhalatanis Bara 1895 tti
Sheikh Bakriin hayyuu, walaleessaa fi barsiisaa ta’uus Hunda caala kan inni ittiin beekamuu fi ittiin yaadatamu garuu Bara 1956tti qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini.
.
Qubeen Saphaloo qubee ajaa’ibaati. Qubee takkittiin Afrikaa keessatti dhalattees isii tana.
Qubee ilma Oromootiin qoramtee Oromiyaa keessatti dhalatte tahuu isiitiin malees,
qubee saba Oromoo saba qubee ofii qabu taasifte waan taateef ayaa hundi keenya ittiin boonnu, tan yaadqalbii sabaa ar’aas jajjabeeysituufi niis dagaasituun jedha.
Asirratti waa himee taruun fedha. Qubeen Saabaa(Qubee Amma Afaan Amaaraa fi Tigree itti fayyadamu) Qubee biyya Yamanitti dhalattee warra Habashaatiin gara Afrikaa as goodaante malee Afrikaa keessatti hin dhalanne.
August 9, 2026 930 1