Hagayya 21/2018 Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa… — Oromia Legal Training and Research Institute — TG.ME

Hagayya 21/2018

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa itti fayyada Moosaajii Karooraa fi Raawwii irratti leenjii gabaabaa hubannoo uumuu kenne.

ILQSOn itti fayyadama Moosaajii Karooraa fi Raawwii irratti Daayrekteroota, Dursitoota Garee fi Ogeessota Ol’aanoof leenjii dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsu Magaalaa Bishooftuuttti kennee jira.

Kaayyoon leenjii gabaabaa kanaa kallattii akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kaa’ameen karooraa fi raawwii hojii Daayirektoreetii, Dursitoota Garee fi hojjettoota dhuunfaa ragaa qabatamaa irratti hundaa'uun karaa qulqullina qabuun madaaluuf akka tahe ibsameera.

Leenjii kana irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee, ILQSOn kallattii Mootummaan kaa’e kanaan raawwii hojii mana hojichaa hanga hojjetaa dhuunfaatti madaaluuf qaawwa jiru adda baasee leenjii kana qopheessuu ibsuun, qaamoleen leenjii kana irratti hirmaatan hubannoo fi beekumsa leenjii kana irraa argame gara qabatama hojiitti jijjiiruu waan qabaniif leenjichaaf xiyyeeffannoo olaanaan akka kennamu dhaamanii jiru.

Dhuma irrattis Obbo Taaddasaan leenjii kana irraa hubannoon argame Daayrektteroonni fi Dursitoonni garee gara hojjattoota isaaniitti gadi buusuun wal hubachiisuun milkaa’ina hojii kanaaf gahee isaanii akka bahan dhaamsa dabarsanii jiru.

Leenjicha kan kennan Waajjra Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ogeessa Sooftiweer Pirogiraamarii kan ta’an Obboo Taaddasaa Malkaa ti.
❤2
August 27, 2026 2.2K 1