Chaayinaa keessatti shamarreen sababa baayyina hojiitiin dadhabe… — Hora official channel — TG.ME

Chaayinaa keessatti shamarreen sababa baayyina hojiitiin dadhabe jechuudhaan gara giddu gala tursiisa Manguddootaa seente.

Chaayinaa keessatti dubartiin ganna 38 tokko saffisa jireenya ishee hojiin itti baay'atu tasgabbeessuuf gara giddu gala tursiisa maanguddoo seente.

Aadde Yaang waggoota 11f indaastirii fiilmii fi televijiinii keessatti barreessituu seeneffamaa ta'uun hojjechaa turte; Hojiin ulfaataa ta'uun fayyaa ishee irratti dhiibbaa geessisaa tureera. Dhukkubni jalqaba bara kanaa mudateen hospitaala akka galtu ishee taasiseera.

Doktooronnis dubartii ganna 38 kanaan of kunuunsuu akka qabdu fi yoo hin ta'e, ammo rakkoon fayyaa hamaan akka ishee muudatu itti himan.

warri ishee lamaanuu waan du'aan boqotaniif maatii dhiyoo kan biraa akka hin qabdu. Bakka itti boqottu fi fayyuu dandeessu  bakki sirrii ta'e mana kunuunsaa ta'uu murteessiti.
@horainformation
❤1
August 13, 2024 987