Walaayittaa Sooddoo!
Seenaa Adventistii Itiyoophiyaa keessatti sagantaa jalqabaaf seena qabeessa, kan ta'e sagantaan konfiraansii mata duree guddicha Fiingee Afuufaa jedhuun Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa ture milkaa'insaan xumurame.
1. Adoolessa 26–29/2018 A.L.I. mooraa Mana Barumsaa Yaadannoo Dataa Saanaa, Walaayittaa Sooddoo keessatti leenjii duuka-buutummaa gaggeeffameera. Leenjii kana irratti leenjifamtoonni 2,000 ol ta’an naannolee gara garaa irraa dhufanii hirmaataniiru
Jalqabbii saganta kana irrattis daandii barbaaddotni Walaayittaa Sooddoo agarsiisa maarchii miidhagaa taasisuun keessummoota simataniiru.
2. Adoolessa 29–Hagayya 2/2018 A.L.I. Istaadiyeemii Walaayittaa Sooddoo keessatti konfiraansiin waliigalaa haala miidhagaan gaggeeffameera. Konfiraansii kana irratti naannolee Itiyoophiyaa gara garaa irraa, akkasumas Noorweey, Ameerikaa Kaabaa fi Afrikaa Kibbaa irraa keessummoonni argamaniiru.
Jalqabbii Konfiraansicha irrattis mooraa Waajjira Sabakaa Kibba giddu galeessa irraa eegaluun, daandii barbaaddotni fi amantootni deemsa miillaa taasisuun karaa irratti agarsiisi maarchii, faaruu, rabsa kitaaboolee fi traaktii bifa dinqii ta'een gaggeeffameera
Erga istaadiyeemii ga’anii boodas itti gaafatamtoonni Yuuniyeenii Misiyoonii Itiyoophiyaa Bahaa, itti gaafatamtoonni sabakaa saglan bakka bu’oonni bulchiinsa Godina Walaayittaa, fi itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa Magaalaa Sooddootiin haasaan baniinsaa taasifamee konfiraansichi ifatti jalqabame
Turtii Walaayittaa Sooddoo turame keessatti hojiileen raawwataman
1. Wiixata Adoolessa 27, Ganda Daalboo Teelee keessatti biqiltuuwwan dhaabamaniiru.
2. Wiixata irraa hanga Jimaataatti istaadiyeemii keessatti qorannoo fayyaa bilisaa, yaalaa fi tajaajila gorsaa ogeessota fayyaa fi doktoreewwan addaa addaan kennamaniiru.
3. Roobii namoota dadhaboo fi deeggarsa barbaadan 100 ol ta’aniif gargaarsi taasifameera.
4. Jimaata mana sirreessaa Sooddoo keessatti hidhamtootaaf kadhannaa addaa fi gargaarsi meeshaalee qulqullinaa eeguuf gargaaran taasifameera.
5 Dhuma sagantichaa irrattis lubbuwwan haaraan 70 ol ta’an waamicha waaqayyoo dhaga'uun , Gooftaa akka Fayyisaa dhuunfaa isaaniitti fudhachuun cuuphamaniiru
Maqaan waaqayyoo haa eebbifamu!
Waaqayyo qindeessitoota sagantaa kanaa kan ta'an, Amantoota Waldaa Adventistii Norway, Yuuninee baha Itiyoophiyaa, Sabakaa Kibba giddu galeessa, Amantoota Waldaa Adventistii Walaayittaa Sooddoo haa eebbisu!
Fuula telegram haaraa waldaa Adventistii guyyaa 7ffaa Yuuninee baha Itiyoophiyaa kana join godhaa
👇
https://t.me/SDA_EEUM