Qormaata dhabuun jireenya dhabuu miti. 📢Qormaata darbuuf dhiisuun jireenyakee borii hin murteessu. 📢Qormaanni murtee jireenyaa miti, adeemsa ittiin waa argatanidha. 📢Yoomiyyuu taanaan waa'ee isa darbee osoon taane waa'ee isa dhufuutti xiyyeeffadhu. 📢Warreen qormaata darbanii jireenya hadhooftuu jiraatan hedduutu jira. 📢Jireenyi ilma namaa mataansaa qormaata waan ta'eef sana darbuuf dandeetti kennaakee ta'etti dhimma ba'i. 📢Dandeettii amma qabdutti fayyadamnaan wanti qabee si dhaabu hin jiru. 📢Wanti ati amma ilaaltee gaddite kun siif barnootadha. 📢Har'a dhabuunkee bor dhabuu miti, har'a boo'uunkee bor boo'i jechuu miti. 📢Waan amma of harkaa qabdutti dhimma ba'i malee eenyuyyuu sin dursu. 📢Mo'amuuf carraan laatiin mo'uuf carraa kenni. 📢Haalakee keessatti Abdiin kutiin, obsan dhabiin, ogummaan dhabiin, dandeettiwwan keessa kee jiru hubadhu. 📢Ati har'a keessaayyuu amma hojiitti jirta, hojiis eegali. 📢Nagaaf fayyaa qabdutti gammadi.
Qormaata dhabuun jireenya dhabuu miti. 📢Qormaata darbuuf dhiisuun… — Hora official channel — TG.ME
September 9, 2024 1.2K 3