#Kutaa12ffaa
Bara kana bu'aa akkamiitu galmaa'a?
Bu'aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 hara ni ifooma. Ministeerri Barnootaa waa'ee bu'aa qormaataa boru waaree booda ibsa ni kenna. Miidiyaa Haqaa Boru Ibsa ni Godha
👉Kanaan dura akka odeeffannoo Ministirri Barnootaa, Prof. Birhaanuu Naggaan kennaniin, barattoota qormaata Biyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhachuuf galmaa’an 701,749 keessaa barattoonni 684,205 ykn dhibbeentaa 97.5 qormaata fudhataniiru.
👉Kanneen hafan immoo sababoota adda addaa fi barnoota isaanii yeroon booda waan eegalaniif qormaata kana hin fudhanne. Dorgomtoota keessaa barattoonni 29,718 qormaata kana karaa qormaata onlaayinii yeroo jalqabaaf fudhataniiru.
Bu'aan qormaata biyyaalessaa hara Wixata Hagayya 4, 2016 ni ifooma jedhamee eegama. Waggoota darban keessaa keessumaa yeroo barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo (yuunivarsiitii) seenanii qormaata Fudhachuu eegalan irraa eegalee bu'aan baay'ee gadi aanaa / baay'inaan barattoonni bu'aa darbiinsaa hin galmeessan ta'uun ni beekama.
Fakkeenyaaf, bara 2015 barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan 845,099 keessaa %50 fi isaa ol galmeessuu kan danda’e 27,267/3.2% qofa. Sana dura bara 2014 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa irratti barattoonni 896,520 qoratamanii qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol kan argatan yoo ta’u, dhibbeentaa 30,034 / 3.3 qofatu darbe. Ministeerri Barnootaa barattoonni darban sun yunivarsiitii akka seenan hayyamuuf lakkoofsi barattoota kallattiin darban xiqqaa ta’uu hordofee sagantaa sirreeffamaa hojjechaa tureera.
Hojiin kun "yeroo tokko qofa" ta'uu qaba jedhamee kan yaadame yoo ta'u, bara 2015 sababa lakkoofsi namoota kallattiin darban muraasa ta'uu isaatiin Ministirri Barnootaa waadaa gale cabsuu isaanii ifatti dhiifama gaafachuun sagantaa sirreeffamaa akka itti fufu hayyameera.
👉Bara kana bu'aan akkamii galmaa'a?
👉Barattoonni meeqa qabxii darbiinsaa galmeessa?
Hundaa isaanii waliin ni argina. Bu'aan qormaata kanaa hara waaree booda Ministeera Barnootaatiin ni ifooma.
2
1September 9, 2024 636 1