Gurbaatu baadiyyatti jirenyi itti ulfaannaan ka'ee magaalaa dhaqee… — Obsinaan Arsii — TG.ME

Gurbaatu baadiyyatti jirenyi itti ulfaannaan ka'ee magaalaa dhaqee warra maatii dubraa hedduu qabu tokko biratti galee hojjechuufii jalqabe. Intala hangafaa tan osoo hin heerumin mana turte janajjanatee irraa nyaatee irraa uffatee akka hunda wajji tattahuu jalqabe.

Yeroo xiqqoo booda intalti na fuutu malee jettee maalif hin qabin.

Abbaan intalaatis dubri mana keessatti itti heddummaatee fedhii isaanii guutuu waan hin dandeenyeef akka irraa heeruman waan barbaaduuf hoggaa dubbii dhagahu lola bal je'ee ni fuutaamitii nifuuta yoo didde gaashirettin ol si darba je'ee doorsisuu jalqabe.

Gurbaanis intalti umriin isarra guddoo waan taateef fuudhuu hin feene, garuu abbaan intalaa xabaqaa waan ta'eef salphatti akka harkaa hin baane waan beekuuf mala malatee harkaa ba'uu yaadeee yaadaan amansiisuuf akkana je'een

Beeytaa an Mana hin qabuu, Qarshiis hinqabuu, bulchuu hindanda'uu ammas Isinitu hin beeyne malee amala fokkotaa hedduun qabaa, farshoos nan dhugaa, wanjalaanis kasasameetin hidhamee hidhaa badee barbaadamu jiraa... je'ee osoo lakkaa'ee arrabarraa hin fixatin

Dhiisi, Dhiisi! Tun Rakkoomitii, tan amalaa dirqiitu si dhiisisaa tan taanii ammoo asumatti dalagattanii wajji jiraattanii tanaaf hin yaadin je'ee karaa itti cufe jaarsiniis

Jaarsi hobbaafata waan barbaaduuf salphatti akka hin lakkifne hubannaan, Bar tana qofaamitii qalbiin tiyya tunis akuma na jirtii maraataadhaa, na wal'aanuuf gaashireerraa akkuma amaanuel na geessaniin jalaa badee as dhufee amma yoo na arkan nandhiisanii kanaafuu yoo hafe isiifis irra wayya je'eetii je'een, maraataa abbaanis ilmoo ofii itti hin quudhuu seerrinis hin dirqisiisu je'ee waan yaadeef.

Jaarsinis waa ka laafuumitii, Waa hin fakkaanne ammallee, kunoo nagayumaan natti haasawu jirtaamii" jennaan

Bar waraqaahuun nin qabaa amman fidee dhufaa qooyi je'ee karra bahee Doctara warra biyya isaanii kan maraata wal'aanu tokko bira deeme isaa karaa maddii dhakhaa tokkorra kophaa isaa taa'u dhaqee dubbise

Doktora;- Akkami abbaa, Arra eeysaa baate
Gurbaa;- Yaa Doctor takkituma arraa na furi
Doktora;- Maali, Maal taate?
Gurbaa;- Yaa Doctor intala takka fuutu malee ja'anii na qabanii akka na hin dirqamsiifne Waraqaa maraataadha jettu naaf barreessi
Doktora;- Akkas taanaan gaafa fuudha barbaadde koottu, gafasin siif barreessaa
Gurbaa;- akkam ? Jennaan
Doktora;- Nama fuudha didu caalaa fayyaan ni jiraa? je'een ja'an

Maraataan ka fuudha didu osoo hin taane ka nan fuudha je'ee deemu jechuu isaa hubannaan dubbiin dhibdee cal je'ee fuula keessa laalutti seene Gurbaanis!

Edaanuu Doktartichi ofiifuu jaartiin wal dhabeeti mataan garagalee ciqicciqii jaartiirraa haara galfachuuf bahee kophaa isaa taa'ee ofitti hasawaa jira ture 😂

Saniifuu, Karaan ka labbaa, Malli ka abbaa 🏃‍♂️

Just for fun.
Yeroo gaarii qabaadhaa!
❤1
August 20, 2026 161