Tapha Madriid fi Inter-miilaan eenyu gaggeessa? Abbaan murtee tapha… — ODAA ISPOORTII — TG.ME

Tapha Madriid fi Inter-miilaan eenyu gaggeessa?

Abbaan murtee tapha jalqabaa Chaampiyoonsi Liigii kan Riyaal Madriid fi Inter Miilaan gidduutti taasifamu gaggeessu beekameera.

Tapha kana abbaan murtee biyya Ingiliziidhaa Michael Oliver abbaa murtee gidduu ta'uudhaan akka gaggeessan filatamaniiru.

Michael Oliver tapha Riyaal Madriid isa 6ffaa kan gaggeessan ta'a.

Riyaal Madriid kanaan dura taphoota shan Michael Oliver'n gaggeeffaman keessaa 3 yoo injifatu, 2n irratti immoo mo'atameera.

Taphi kun Kibxata galgala sa'aatii 4:00 irratti Ishtaadiyeemii Saantiyaagoo Beernaabiyuu irratti taasifama.


✈️𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄➪ || @ODAA_SPOORTII
✈️𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄➪ || @ODAA_SPOORTII
❤7👍5🔥2😍2
September 6, 2026 925 1