Gurbaa Tokko Rabbiin guyyaa keessaa qajeelcheeti tawbaa isa waffaqe… — Nashiida Mi'ooytuu™🎧 — TG.ME

Gurbaa Tokko Rabbiin guyyaa keessaa qajeelcheeti tawbaa isa waffaqe garaa guutuun, "Har'a niin salaata" ja'ee gara masjiidaa qajeele.
Oggaa inni masjiida ol seene, osoo inni salaata keessa jiruu, moobayilli isaa akka tasaa iyyite.. oggaa iyyitu walleen sagalee moobayil keessaa namoota salaatutti jiru jeeqxe..!
Ogguma, san warri salaatee fi imaamni itti dhufanii dallansuun Lolaanii akkana ja'aniin:
"Mana Rabbii keessattillee dilooytaa? Rabbiin dachii gad sin kuchiisuu hin sodaattu ? Sodaa rabbii hin qabduu?!"

Gurbaan qalbiin isaa cabdee madooytee, rifate fuula isaa lafatti qabaa masjiidaa bahe.. guyyaa sanirraa eega masjiidarraa gad bahe, deebi'ee Lammada masjiidatti hin deebine.!

Guyyaa biraa ka’eti hoteela dhaqe: Hoteela Keessa
Osoo achi jiruu, dogongoraan mataan shiishaa harkaa bu’e cabse.
Inni sodaatee naasuu keessa osoo jiruu, abbaan hoteelichaa fuula banaan itti dhufee akkana ja'een:
"Kun si hin yaachisin jaalalloo keenya! atummaan nagaya nuuf qabaadhu, ati fayyaa taanaan sanuma barbaanna " ja'een.
Gurbaan garummaa kanaan onneen isaa booji'amte. Guyyaa sanirraa ka'ee maammila jabaa hoteela sanii tahe!

Asitti seenaan dhumte..

Nama gammachiisaa malee hin baqachiisinaa!
Waa laaffisaa malee hin jabeeysinaa! Ja’e Ergamaan Rabbii.
Jannata isaan feena ja'aniiti, jechaafi amala hamaan gara ibiddatti isa geeysan..
Namoota gara haqaa jaalachiisuun kan danda'amu onnee isaanii obsaafi jaalalaan simachuuni malee, dogongora isaanii qofatti quba qabuufi itti lallabuun miti.


Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
July 15, 2026 398