⚠️ Kasaaraan guddoon arra namni keessa jiraatu;
Kasaaraa maallaqaa ,ta hojii fi ta hiree bareedduu argachuu dhabuuti miti.
Kasaaraan guddoon Namni umriidhaan dabalamaa deemee, hubannaa fi jijjiiramni inni jireenya isaa kan dhuunfaa dabalamaa deemuu dhabuudha.
Kasaaraan jabduun, waggaan guutuun umrii namaa irraa dhumee , namni sun ammoo humaa keessatti jijjiiramuu dhabuudha:
•Kitaaba bara dabree booda haaraya hin dubbifne.
•Yaada bara dabree malee yaada haaraya hin qabu.
•Amala hamaa qabu ka jijjire hin jiru.
•Waan bara dabre itti dogongore arraas ittuma jira.
•Hariiroon inni Rabbii wajjiin qabu irra hammaatte.
•Karoora jireenya hin qabu ,karoorattiis hin amanu.
Osoo haala kanaan jiruu ammoo, 'maaliif jireenyi kiyya hin jijjiiramne?' Ja’ee komata.
💡 Hunda caalaa hubachuu kan qabnu: Yeroon nama hin jaartu; wanti nama jaaru fi namummaa namaa fooyyessu waan namni sun baratu, waan of keessatti gadi fageenyaan xiinxalu fi amala isaa keessatti jijjiirudha..!!
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
Forwarded fromBisharo Abdi official
July 12, 2026 405