Gaafii ;
"(Yoo kurnan (Zul-Hijjaa) Rabbitti biratti رمضانا irra kan caalu tahe ,dalagaan guyyaa Kurnan kana keessa hojjannuus guyyaa Ramadaana irraa Rabbi birattiis irra jaalatamtu taate maaliif namoota isaanii Ramadaana keessa irra gama Rabbii as deebi’anii carraqqatan tahuu argina ?!
Deebisa ;
Namni Hojii kheeyrii Ramadaana keessa baay'achuu fi kurnan Zul-Hijjaa keessa immoo xiqqaachuun, ragaalee Nabiyyummaa fi dhugummatti Nabiyyiin keenya Rabbi biraa argame tahuu waan nama qajeelchuudha.
Sababni Rasuulli ﷺ : "Ramadaana keessa sheexanootni ni hidhamu." Ja’an.
Sheeyxaanni Ramadaana keessa hidhamuun ammoo akka namni gama kheeyritti daran as gara galu gooti.
Kurnan (Zul-Hijjaa) ammoo sheeyxaanni keessatti hin hidhamu kun iddoo qorumsaa fi qabsoo dhugaan namni Rabbi gabbaru itti adda bahee mul’atuudha.
sababni isaas sheexanootni namoota deebisuu fi hojii gaarii irraa shaakalsiisuuf kurnan kana keessa bilisaan socho'u, garuu Ramadaana keessatti kana gochuu hin danda'an."
{Sheeyxaanni isiniif adawwiidha ,adawwii goradhaa }
Join 👇
╭┈─────────
╰┈➤ @bishaara_4
Forwarded fromBisharo Abdi official
May 20, 2026 607