Siifan qalbii dhaba
At na keessaa Jirta
Anarraa fagaattee
Maaf yaadan na hirta?
Seeqa kootu sidha
SI dhabuun naaf eela
Sagaleekee dhabnaan
Utuun nyaadhuu beela
Argaaf hawween dhabe
Allaattiif simbira
Dhaamsakoo itti himuuf
Koo yaadat si bira
Iddoon teessuma keeti
Bursayyuu Walakkaa
Warqeen koo bu'aa keeti
Sin haammadha takkaa
Maqaa kuma qabda
Galmee onnee koorraa
An biyya koo ga'eera
Yoom deebinee Wal-Agarraa
Warqee koo
Urgooftuu
Gurrittii
Durbittii
Mucittii
Warqittii
10
7August 21, 2026 1.9K 2 5