Lafa Gabaa Qubannee
Hamma Namaa Hubanne
Jette Gugeen samiirraa
Isheen dur hin dubbanne
Jireenya gabaa fakkaatu
Wal makaa akka malee
Wal gurguruuf kaatu
Madaan hadh'aa dhalee
kan biraa si gurgurata
kan biraa moo si bitata
Yeroo rakkoo si gatee
Ifa keessa si Iyyaafata
Nama badeefin boo’in
Jireenyi barsiiftuu-dha
Irrattin beekamu male
Amalli agarsiiftuu-dha
Namni har’a si dhiise
Haala kee madaalee
Bineensa si nyaachise
Dhugaa tures haalee
Gaabbiin deebi'ee dhufa
Miillakeetti dhufee kufa
Warra nu gatan irraa
Waan baay'ee agarre
Hin deemiinaa jenne
Sossobnee hadarre
Guyyoota miixanne
Jireenyallee baranne
Nama abdannu irraa
Gaaffii lixii maranne
Imala kee keessatti
Namni hundi hin turu
Tokko tokko dhufeetu
Fiiga lama hin bulu
Akkuma fiigaa dhufeen
Barumsa dhiisee deema
Anis deemeera gulufee
Anooo durattan adeema
Hammakees hubadheera
Ga'umsa kee ganamaa
Barakeetti hin eegalamne
Dhuma namaatu kanumaa
Gurbaa Warra Fugug
Bakka baadiyaa Daboo
Ganda warra hayyuu
Kisoosee qaama Amboo
Hubadhumee
Gurbattii Keessan💎

11August 24, 2026 1.2K 1