Baankiin Biyyaalessaa dhaabbilee tajaajila dabarsa maallaqaaf eeyyama… — Cholle Tech — TG.ME

Baankiin Biyyaalessaa dhaabbilee tajaajila dabarsa maallaqaaf eeyyama hin qabne ifoomse


Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa hawaasni, miseensonni diyaaspooraa fi maamiltootni bakka bu’oota dhaabbilee dabarsa maallaqaa eeyyama hin qabne akka hin fayyadamne akeekkachiisera.

Baankichi ibsa baaseen, hojiiwwan seeraan alaa kun seera Itoophiyaatiin kan dhorkaman ta’uu ibseera.

Karaa seeraan alaa kanaan maallaqa erguun yookaan fudhachuun maamiltoota kasaaraa maallaqaa guddaa, harkifannaa kaffaltii, herrega baankii cufamuu ykn daangessuu, akkasumas itti gaafatamummaa seeraa jala ooluu akka danda’aniif saaxila jedheera.

Maallaqni gara biyya keessaa seenu dabalaa dhufuu waliin walqabatee, lammiileen karaa dabarsa maallaqaa eeyyama seeraa qaban qofa akka fayyadaman Baankiin Biyyaalessaa gorseera.

Karaa seeraan alaa fayyadamuun namoota maallaqa erganis ta’e maatii maallaqa sana fudhatan, seerota hojiirra jiran irratti hundaa’uun tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa jala oolchuu akka danda’u hubachiiseera.

Dabalataanis, Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhaabbilee tajaajila dabarsa maallaqaa Itoophiyaatti kennuuf eeyyama hin qabne 17 maqaa isaanii eeruun ifoomsera.

Bu’uuruma kanaan;

➡️Adulis Money Transfer
➡️Amal Express
➡️Amal USA
➡️Amana Express
➡️Avanti
➡️Awash Direct
➡️Bakal Money Transfer
➡️Juba Express
➡️Rasmi Pay
➡️Remad Pay (yookaan Ramada Pay Kah)
➡️Shigey Money Transfer
➡️Taj Financial Service
➡️Tasa Pay
➡️Tewakel Money Services
➡️USWire
➡️World Direct Link
➡️Zola

Dhaabbileen kunneen tajaajila dabarsa maallaqaa kennuuf eeyyama seeraa kan hin qabne ta’uun ibsameera.

Maamiltoonni nageenya maallaqa isaanii eeguuf, akkasumas maallaqni isaanii karaa amanamaa ta’een qaama barbaadame bira ga’uu isaa mirkaneessuuf, bakka bu’oota dabarsa maallaqaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatiin eeyyamni seeraa kennameef qofa akka fayyadaman baankichi hubachiiseera.

Dabalataan, maallaqa kamiyyuu osoo hin dabarsin dura, dhaabbanni dabarsa maallaqaa filatame seeraan eeyyamameera moo hin eeyyamamne jechuun mirkaneessuuf marsariitii Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa
https://nbe.gov.et/mta/ seenuun ilaaluun akka danda’amu baankichi beeksiseera.
👍2❤1🥰1🤯1
August 29, 2026 211