Bu'aan qormaataa bara barnootaa 2018 barattoota kutaa 12ffaa ifoome
Barattoota Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 qoramaan keessaa harki 12.8 qofti qabxii darbiinsaa argachuu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsa Miidiyaaleef kennaniin; barattoota kuma 550 qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa barattoonni kuma 70 fi 500 qofti qabxii dhibbantaa 50fi isaa ol galmeessan.
Magaalaan Finfinnee %32.3 dabarsuu naannoolee hunda irraa sadarkaa 1ffaa galmeessuu kaasaniiru.
Qabxiin olaanaa akka Magaalaa Finfinneetti galmaa'es 569.1 Mana Barumsaa Boolee tahus ibsameera.
Saayinsii Hawaasaatin Manneen barnootaa barattoota qormaataaf dhiyeessan keessaa 565 barataa tokkollee dabarsuu akka hindandeenye ibsaniiru.
Manneen barnootaa 88 guutummaatti barattoota isaanii akka dabarsanis dubbatan.
Akkasumas bu’aa olaanaan barana damee saayinsii Uumamaatiin galmaa’e 591/600 (Mana barumsaa Odaa Special Boarding Adaamaa) saayinsii Hawaasummaatiin ammoo 576/700 (mana barumsaa Ifa Boruu Dodolaa) ta’uu himaniiru.
Barattootni qabxiisaanii guyyaa muraas booda toora interneetiifi karaa ergaa gabaabaatiin ilaaluu akka danda'anis himaniiru. Via AMN









