VAT waliin jechuun 100% + 15% jechuudha. ‎Maaliif? ‎ ‎Gatiin… — Cholle Tech — TG.ME

VAT waliin jechuun 100% + 15% jechuudha.

‎Maaliif?

‎Gatiin meeshichaa kophaa isaa = 100%

VAT immoo = 15%

‎Kanaafuu, VAT waliin gaafa jedhamu 115% ta'uusaa hubadhu.

‎Kana waan ta’eef, meeshaan tokko VAT waliin 1,000 yoo ta’e,

‎VAT malee meeqa akka ta'e baruuf salphaatti 1.15f yoo hirte ni argatta:

‎1000 ÷ 1.15
‎= 869.565

‎Kana jechuun meeshichi VAT malee qarshii ≈ 869.565 ta'a jechuudha.

‎Amma VAT meeqa akka ture baruu ni dandeessa:

‎1000 − 869.565
‎≈ 130.435

👉 Kuni 𝗜𝗻𝗽𝘂𝘁 𝗩𝗔𝗧 jedhama.

‎-----------

‎Meeshichi VAT waliin 1,300tti gurgurame.

‎VAT malee = 1,300 ÷ 1.15
‎≈ 1,130.435

‎Gatii meeshichi itti gurgurame qarshii 1,130.435 jechuudha.

‎VAT = 1,300 − 1,130.435
‎≈ 169.565

👉 Kuni 𝗢𝘂𝘁𝗽𝘂𝘁 𝗩𝗔𝗧 jedhama.

‎Amma daldalaan kuni VAT duraan kaffale (Input VAT) irraa dhiifatee kan hafe mootummaaf galcha.

‎Kana jechuun:

‎Output VAT − Input VAT
‎169.565 − 130.435
‎≈ 39.13

‎Kuni 𝗩𝗔𝗧 𝗣𝗮𝘆𝗮𝗯𝗹𝗲 jedhama.

‎Meeshaa kanarratti kan daldalichi mootummaaf kaffalu qarshii 39.13 qofadha.


👌Ijoolleen Accounting fi Economics.... Tamaartan Jirtukaaa, ani jirabboo.. Harka baasaa mee🤚🤚🤚🤚
👍4❤1🥰1🤯1
August 25, 2026 319 2