Sa'ud Arabiyaatti Lammiin Itoophiyaa Tamsaasa Kallattii 'TikTok'… — ABC News Afaan Oromoo — TG.ME

Sa'ud Arabiyaatti Lammiin Itoophiyaa Tamsaasa Kallattii 'TikTok' Irratti Ajjeechaa Raawwachuun Shakkame To'atame

Biyya Sa'ud Arabiyaatti lammiin Itoophiyaa tokko tamsaasa kallattii miidiyaa hawaasaa 'TikTok' irratti yakka ajjeechaa suukkanneessaa raawwateera jedhamuun shakkame, namoota gocha kana keessaa harka qaban shan biroo waliin humnoota nageenyaatiin to'atamuun isaa ibsame. Embaasiin Itoophiyaa magaalaa Riyaaditti argamu akka beeksisetti, gochi kun miidiyaa hawaasaarratti ifatti mul'achuun isaa baay'ee kan nama gaddisiisu yoo ta'u, shakkamtoota kana saffisaan to'annoo seeraa jala oolchuun danda'ameera.

Akkuma Embaasichi ifa taasiseetti, yeroo dhihoo asitti naannoo daangaa fi gammoojjii Sa'ud Arabiyaa keessatti lammiilee Itoophiyaa gidduutti walitti bu'iinsaa fi yakki ajjeechaa raawwatamaa akka jiru qaamoleen mootummaa dhiyeenyatti hordofaa turaniiru. Maddeen keenya akka ifoomsanittis, taateewwan akkasii hawaasa achi jiraatu gidduutti sodaa fi yaaddoo guddaa uumee jira.

Dabalataanis, dhimmuma kana dawoo godhachuun miidiyaa hawaasaa irratti , jibbiinsaa fi jeequmsa babal'isuun kan shakkaman namoonni dhibba tokko (100) ol ta'an to'annoo seeraa jala ooluun dhimmi isaanii mana murtiitti ilaallamaa akka jiru eerameera. Hawaasnis ta'e fayyadamtotiin miidiyaa hawaasaa ergaawwan walitti bu'iinsa uuman irraa of qusachuun, nagaa fi tasgabbii lammiilee akka eegan dhaamameera.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌
September 2, 2026 683