Humna misoomuu keessoo qixaan fayyadamuun omishtumaa guddisuun diinadgee hirkatummaa irraa walaba ta’e ijaaruun murteessaadha – Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Finfinnee, Hagayya 27, 2018 (FMC)- Humna misoomuu keessoo qixaan fayyadamuun omishtumaa guddisuun diinadgee hirkatummaa irraa walaba ta’e ijaaruun murteessaadha jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan.
Naannoo Oromiyaatti Sadarkaa raawwiin hojii Kenna Tajaajila Lammummaa Gannaafi gargaaramtummaarraa gara Omishtummaatti taasifamaa jiru koree ol’aanaa Naannootiin qoratameera.
Hojiiiwwan gama kanaan hojjetamaa jiran mirkaneessuuf akeekamee garee superviizhinii bobbaa'aniin argannoon superviizhinii dhiyaachuun irratti mari'atameera.
Obbo Kaffaaloo Tafarraa gamaggamicharratti yaada kennaniin, Humna misoomuu keessoo qixaan fayyadamuun omishtumaa guddisuun diinadgee hirkatummaa irraa walaba ta’e ijaaruun murteessaadha jedhan.
Kana dhugoomsuufis Naannoo Oromiyaattis, gargaaramtummaa guutummaatti hambisuun omishtummaan of danda’uuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun milkaa’inni yeroo yeroon galmaa’aa jiraachuu ibsan.
Imala Ijaarsa biyyaa karaa milkeessuu danda'uun hojiin gama kenna tajaajila lammummaa Gannaa fi Omishtummaan of danda'uuf hojjetamaa jiru,bu'aa qabatamaa galmaa’aa jiras jedhan.
Gama biraatiin kenna tajaajila lammummaa gannaatiin hojii hojjetamaa jiru itti fufsiisuun jijjiiramni hawaas-dinagdee fulla’insaan akka galmaa’u taasisuu irratti koree olaanoo kanaan xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu himaniiru.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌
September 2, 2026 379