Liyoonal Meesiin Tapha Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Irraa Soorama Ba'uu Isaa Ifoomse!
Urjiin kubbaa miilaa Arjantiinaa Liyoonal Meesiin, tapha kubbaa miilaa biyyaalessaa irraa guutummaatti soorama ba'uu isaa har'a ifatti beeksiseera. Meesiin ibsa miira gaddaan guutame miidiyaa hawaasaa isaa irratti baaseen, biyya isaaf waan qabu hunda kennuu isaa fi amma garuu yeroon isaa akka gahe hubachuu isaa ibseera.
Barreeffama Meesiin fuula miidiyaa hawaasummaa isaa irratti harra maxxanse kun , dhiheenya kana Waancaa Addunyaa bara 2026 irratti tapha xumuraa Ispeen waliin taasisaniin 1-0n erga mo'atamanii guyyaa lama booda, Adoolessa 21 kan barreeffame ta'uu agarsiisa. Haa ta'u malee Du'a abbaa isaa ji'a kana keessa mudateen walqabatee murtee isaa kana guutummaatti akka mirkaneesse himeera. Meesiin dadhabii qaamaa cimaan akka isa mudates ibsuun, "Miilli koo kanaa ol deemuu hin dandeenye, humni koo dhumee jira," jechuun dandeettii qaama isaa dhuma irra gahuu ibseera.
Waggoota 21f biyya isaa kan tajaajile Meesiin, taphoota 207 Arjentiinaaf taphachuun galchii 125 galmeessisuun seenaa biyyattii keessatti rikardii olaanaa qabateera. Waancaa Addunyaa bara 2022 dabalatee waancaawwan gurguddoo biyya isaafis argamsiiseera. Haa ta'u malee, Meesiin tapha biyyaalessaa irraa soorama haa ba'u malee, kilabii isaa Intar Maayaamii waliin hanga bara 2028tti waliigaltee waan qabuuf tapha kilabii irratti kan itti fufu ta'uu ragaaleen ni mul'isu.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA














