Waldaa Daandii Qulqullummaa: post #3978 — TG.ME

Sooraa kakuu haaraa
Ergamaa Gabri'eel
Kan gargarte Ananiyaa
Azaariya Misa'eel
Har'as nuuf kootti
gidduu kan keenyaa
Ati nuuf buusi maaloo
jaalalaf nageenya

Biyyi lafaa dhiphatee
kuno wal dhiphisaa
Sanyiin wal qoodee
hunduu wal faccisaa
Diinni dhaabbatee
Gidduu daba faacasuu
Isa of hammeenyaa ta'ee
jallina barsiisuu
Albee keetin koottu
ati nurraa ifadhuu
Mana keetti jaalalaan
nu waammadhu

Gammachuu baadhuu
gara keenya koottu
Ergamaan nagaa siidha
hunda kan jaalatu
Hunduma keenyaafu
Jaalala kadhadhuu
Kochoo kee jalattii
diinarraa nu tikfadhu
Walaloo code 🔔@19 @Gabr
August 25, 2026 55