Gatiin har'aa geenye
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Callisamee miti jarana
Har'a ga'amuunsaa....!
Guyyaa qofti lakka'ame
Hin dhufne waansaa...!
Akka Warqee sanatti
Ibiddaan waaddamee
Ciigoon sookoo jal'an
Tulluurra furguuggame
Baduu isaa eeguudha
Mataa gad waqaruu...
Kosii sobaa guuranii
Gamoo irratti ijaaru...!
Daddarbaa guddaatu
Ce'eame bira darbame
Akkuma salphaatti miti
Gatiitu_kanfalame.....!
Walaloo code 🔔@wal @000
August 25, 2026 81