Waldaa Daandii Qulqullummaa: post #3965 — TG.ME

✔️Baga Geessan✔️

Waaqayyoof Wanti Dadhabamu Jiraaree

(✍️B/saa Misgaanuu Yaadasaa [Dn] tiin)

➠Namoonni tokko tokko erga du'aniillee jiraatoodha. Namoonni tokko tokko immoo utuu hin du'iin du'anii taa'u; waan jiran fakkaatu. “Isin cubbuu keessan irraa kan kae du'oota turtan” akkuma jedhu (Efe 2:1). Namoonni kaan garuu erga du'aniiyyuu ni jiraatu (Yoh 6:54). Waan warri lubbuun jiran fakkaatanis ni beeku (Luq 16:25). Yeroo ammaa kana garuu lafa dhiphisaa kan jiru nama utuu lubbuu fi foon isaa adda hin ba'iin du'ee jirudha. Namni akkasii dhaabiitti du'ee waan jiruuf lubbuu dhiigaa qofaan yaada. Kanaaf falmii baay'isuu irraa kan hafe qoratee fi qoate hubachuu hin dandau. Itti himtus hin galuuf. Arrabnisaa arrabsoodhaan piroofeeseruummaa isaa waan hojjete fakkaata.

➠Mee ilaalaa; erga namni caqasa gaafachuutti ka'ee amantiin laphee namaa keessaa bade. Bara Abrahaam lafa kana irra jiraataa ture kitaabni qulqulluun hin jiru ture. Abrahaam garuu ilmasaa aarsaa dhiyeessuuf caqasa hin gaafanne (Um 22:1-13). Yaaiqoobis yeroo hangafummaa Eesawu irraa fudhate amantii qofaani malee muuxannoo akkasii namarraa fudhate hin qabu; caqasas hin dubbifne (Um 25:31-33.

➠Saaraan waggaa sagaltammaffaa isheetti “Mucaa ni deessi” yemmuu ittiin jedhamu gaaffii hin baayifne, caqasas hin gaafanne(Um 17:16-17). Utuu hara taee Saaraan gaaffii heddu gaafattin sea. Tarii “Eenyufaatu waggaa sagaltamatti dahe;caqasa isaa naaf kenni” jettii laata?

➠Akkuma Saaraan amantiidhaan waggaa sagaltammaaffaa isheetti mucaa argachuudhaan nama jalqabaa taatee(Um 21:2); Qulqulleettin Dubree Maariyaamiinis waggaa kudha shanaffaa isheetti dhiira osoo hin beekin “Ilma Waaqayyoo” Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosiin dauudhaan nama jalqabaa fi nama xumuraa taateetti (Luq 1:34; 2:11). Yeroo Ergamichi sagalee gammachuu itti himetti “Akkuma jecha keetii naaf haatau” jettee amantii guutuudhaan waan fudhatteef ulfoofte(Luq 1:38). Kan amaneef hundumtuu ni dandaama(Mar 9:23).

➠Durbee Maariyaamiin nama taatee dhalattee kennaadhaan namarraa adda kan taatedha. Osoo dhiira hin beekin ulfaa'uun ishee kan amantu taanaan, dubrummaadhaan ulfooftee dubrummaadhaan dahuu ishee kan amantu taanaan, nama taatee osoo jirtuu Ilma Waaqayyoo kan deesse ta'uu ishee kan amantu taanaan, wanti isheedhaan raawwatame waan ta'ee hin beeknee fi taatee ajaa'ibaati. Kun hunduu Waaqayyoof waan danda'amuuf Waaqayyo kana isheedhaan raawwate.

➠Waaqni kana isheedhaan raawwate yoo du'aa ishee kaase maaliif gaaffii ta'aa? Waaqayyoof wanti dadhabamu jiraayi? Alaazaariin kan du'aa kaase, Haadhasaa du'aa kaasuu hin danda'uuree? Moo taateen kun Macaafa Qulqulluurratti waan hin caqafamneef amanuun sitti ulfaatee? Maal waa'een dhalachuu isheeyyuu hin caqafamne hoo. Dhalachuun ishee Macaafa Qulqulluu irratti hin barroofne jechuun HIN dhalanne jechuudhaa ree? Qaayel gaafa Abeeliin ajjeese, "Har'aa kaasee joortuun ta'a" jedhe mitii? Namni nama ajjeese joortuu ta'a jedhamee wanti barreeffame tureeraa garuu yerichaa? Waan hundaaf caqasa barbaaddaa taanaan ati utuu jaarraa 15ffaa dura dhalatte ta'ee gara amantiitti hin dhuftu jechuudha. Sababnisaa Macaafni Qulqulluun dhiyeenyuma kana boqonnaa fi lakkoofsaan adda hirame malee duraan akkas hin turre waan ta'eef. Humna Waaqayyootti amanuun garuu guutuu nama taasisa. Dubree Maariyaamiin duaa kaatetti. Isheen Waaqa deesseem. Maal anii fi atuu du'aa ka'uuf jirra hoo .Warri osoo hin argin kan amanan garuu eebbifamootadha(Yoh 20:19).

➠Maarree ati maaliif yeroo “Dubree Maariyaamiin duaa kaatee mirga ilmashee dhaabbattee jirti” jedhan dhiphatta? Waa'ee mataa keetiif hin dhiphattuu? “Anoo mirgasaa nan argadhaa laataa” jettee hin kadhattu?

Sugni haadha keenyaa Duuka Bu`oota irra akkuma bule nurras haa bulu.

Ameen!

Misgaanuu Yaadasaa (Dn)
Finfinnee, 2015 B.A

══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮
            @Kalabhiyahu
            @Kalabhiyahu
╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══
August 24, 2026 92 1