#Seenaa;
Mootiittiin itoophiyaa seenaa fii oogummaa solomoon fidee kan itti himu kodee gaarii kan taeef daldalaa tokkotu jira ture, yeroo biyya israel gahee deebiu yeroo yeroodhaan oogummaa solomoon kan gurraan dhagahee fii kan ijaan arge itti hima ture. isheenis waan dhageesse sanaan boojiamtee deemee hubachuun qaba jechiudhaan, warqee baayyee fii kennaawwan addaa addaa qabattee gara solomoon deemte.
Luka ishee irra wanti akka gaanfa kuruphee ykn kottee harree irra jira ture, daaimnni tokko yeroo ogdii masaraa mootummaa solomon irratti ishee argu, rifatee fiigee ol seene, mootiidhanis yaa mootii bara keetti kan hin dhufne hin jiru dubartiin akkasii gara kee dhufaa jirti jedhee itti hime. Ol seenuf yoo jettu jirmi mukaa jige tokko irra ejjettee yoo dabartu, mudaan luka isheerra ture sun irraa badee jira. Yeroo ishee ol seentu solomon luka ishee ilaale garuu mudaan tokkollee irra hin turre, kanafis ergamaa isaa sana ija hamaadhaan yoo isa ilaalu, ergamichis yaa mootii sobee sitti hin himne waan taef yoo soba tahee ishee irraa adda baafadhuutii na adabii ittiin jedhe.
solomon mootiittii yoo gaafatu dhugaa jiru itti himte, kanaafis isheen Dunbulloo tokko innis dunbulloo tokko muka sana irra buusan, mootonni isa booda kaan 28 isaanis akkasuma taasisuudhaan qarsii 30 tahe, qarshii kanas yihudonni yihudaadhaaf kennanii kiristoosiin dabarsee isaaniif laatee jira.
Mootiittiin, dhibboo baayyee solomooniin gaafattee jirti innis hundumaa isheef deebisee jira.
Akkaataa bulmaata biyya baayyee akka muuxannootti isheef qoodee jira. Kanaan booda, halkan yoo tahu waliin buluuf kaan isheen garuu dhiira waliin buluun naaf hin tau, biyya koo durbummaa kiyyaan amanamee tajaajiluun qaba jette. Yeroo kanatti walii galtee uuman, kunis "qabeenya kiyya kamittuu hin buin anis hin buu" kan jedhu yoo tahu namni kan diige garuu abbaan fedha isaa raawwata kan jedhu dha.
Nyaata bishaan nama dheebossu ishee nyaachisee halkan walakka kaatee yoo bishaan isaa dhugdu, kuni qabeenya kiyya jechiudhan walii galtee keenya digdeetta jedhen, yeroo kanatti isa irra miniilik inni jalqabaa ulfaamee jira.
#Kun_hunduu_fakkeenya_qaba;
👉 Mootiittiin= adunyaa
👉 Solomon= Gooftaa
👉 Warqeen 120 (Giraama)= maatiiwwan 120 kiristos
👉 Meetiin= Amantaa dha.
Inni biraa, kiristoos "Solomooniin kan caalu asi jira" jechuun isaa mat 12:42 Gabaabumatti kanaa gaditti ibshamee jira.
Seenaa 1ffaa moototaa 2:12 fi 3ffaa moototaa 2:12 irratti akkuma barreefamee dubbisnu,
Ilma 'Agiit' kan tahe 'Adooniyaas' mootii biyyaa tahuuf waan barbaadeef haadha isaa beersabeh gara solomonitti tooftaadhaan erge, isheenis gara solomonitti dhiyaattee;
👉 Mootiichi Teessoo isaa irra ol kaee ishee simate.
👉 Ni Dhungateenis
👉 "Teessoo addaa fii Hafaa addaa isheef hafee mirga isaatiin teechise. inni mootii biyyaa tahullee isheen haadha isaati waan taateef!
👉 Haati isaas, yaa ilma koo waan tokkon si kadhadha, na hin leeyyaasisin jettee kadhatte, innis si hin qaanessu na gaafadhu jedheen gaaffii ishees dhiyeeffatte.
⨳ Solomoon mootiichi erga kana taasise, waaqni solomoon ammoo deessu isaa kan taate dubaroo mariyaamiif kabaja akka kamii akka agarsiisu waaqayyoon hunda keenyatti haa agarsiisu. (Aameen)
#Yaa qulqulleettii biyya koo itiyoophiyaa....
🙏#Ijoolleen kee sirraa dhalatan sii haa dhalan.
🙏#ijolleen kee siif haa morman malee siin hin mormin.
🙏#ijolleen kee godaansa irra jiran eebbaan siif haa galan.
🙏#dangaa kee ibidda, jidduu kee jannataa taatee, booqochiistuu adunyaa sii haa taasisu!!!
❝AAMEEN❞
---------------------------
🅼/🅼/🅐🅑🅑🅐🅐 🅖🅔🅑🅡🅔 🅜🅔🅓🅔🅗🅔🅝 🅝🅘🅖🅤🅢🅔 (🅠🅞🅞🅜🅞🅢)
M/L/W/Galaa mana maxxansaa tinsaa'ee zegubaa'eetti ogeessa maxxansaa
--------------------------
Hagayya 3/2018
Finfinnee, Itiyoophiyaa