⚠️ SEENAA DHUGAA.💔😓
"Waggaa lama dura ergan barumsa xumuree hojii eegalee booda, guyyaa tokko hojii irraa yoon deebi'u dargaggeessa tokkoon karaa irratti wal agarre. Inni baay’ee dhabata qaba, akkaataa dubbii isaa immoo #onnee❤️ namaa kan booji’udha. Guyyaa sanaa eegalee dubbii eegalle...
Jaalalli keenya saffisaan guddate. Inni garuu waan hunda naaf godha, fuuldura keenya #bareedduu taasisa jedheen abdiidhaan eegaa ture. Sababiin isaas, inni yeroo hunda: Ati furtuu jireenya kooti, waliin karaa dheeraa deemna, siin ala jireenya hin fedhu, ati lubbuu kooti, sagaleesaa bareeduun naan jedha ture. Maallaqa xiqqoo argannu walitti qabnee gaa’elaaf karoora baafachuu eegalle.
Garuu akkuma dhimmi gaa’elaa dhiyaachaa dhufeen, inni jijjiiramuu eegale. Bilbila isaa cufuu eegale, yeroo hunda ''hojiin natti baay’ateera'' jechuun na dheessuu jalqabe. Onneen💔 koo #shakkii dhaan guutamte.
Guyyaa tokko bashannaaf waliin baane, #bilbila isaa na bukkeetti dhiisee bishaan daakuu bishaan seene, daqiiqaa lama booda, bilbila isaa irratti ergaan (message) tokko 'pop' jedhee mul'ate. Barreeffamichi baay'ee gabaabaa garuu kan lubbuu namaa #ajjeesudha.😢 'Halkan edaa jaalala keetiin machaa'ee buleera, daddafii kootu' jedha. Ergaan sun nama biraa irraa otoo hin taane, hiriyaa koo ishee #onnee koo caalaa amanu irraayi! Miilli koo na hollate, ijji koo na #jaame🥺. Inni ani akka malee #amane, inni ani jireenya koo hunda itti hidhe, #hiriyaa koo ishee dhiyoo waliin walitti dhufeenya dhoksaa Uumee jira😓.
Hamma #har'aatti kan na gubu, isaan lamaan ijaan wal biratti arguun koo immoo madaa koo irratti soogidda naqe.😭 #Jaalala waggaa lamaa fi amanamummaa koo guyyaa tokkotti diigan. Har'a #kophummaa cimaan natti dhagahameera. amantiin ani namootaaf qabu hunduu diigamee, keessi garaan koo akka mukukkula ibiddaa na #guba jira!"😢
Seenaan kun inbox 📥 dhaan guyyaa muraasa dura naaf ergame, maqaa ishee himuu hin danda'u.
"Seenaan obboleettii keenyaa kun onnee namaa dhiigsa😓. Nama siin 'si jaalladha' jedhu hunda amanuun rakkisaadha.
isheen #amantii namootaa irratti qabdu hundumaa dhabdeetti. Isin otoo taatanii maal gootu turtan? Isaan lamaan lammata ijaan arguun itti ulfaata, garuu 'Yeroon #madaa ni fayyisa' jettanii jajjabeessituu? Moo #Gantoota akkasii irraa fagaatanii of qofa jaallachuutu furmaata?Seenaa akkasii isin irra ga'ee beekaa?
anis bifa #dubbisaaf mijatu godheen barreessee✍️ isiniif qoode. Yaada keessan 'Comment'👇 irratti naaf qoodaa, ishee maal jettanii jajjabeessitu.?
#Hub: Namoonni #Seenaa_Jaalalaa qabdan Inbox naaf ergaa, maqaa keessan dhoksee nan maxxansa.
Join Us// @TextJaalala
@TextJaalala