WAA AFURAN KANA RABBIIN ISINIIF HAA KENNU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Du’aa’ii Bareeduu Tana Harka Kee Ol Qabaa Aamiin Ja’i
1: Jaartii Gaarii Rabbiin Isiniif Haa Kennu
2: Mana Bal’aa Rabbiin Isiniif Haa Kennu
3: Ollaa Gaarii Rabbiin Isiniif Haa Kennu
4: Yaabbii Gaarii Rabbiin Isiniif Haa Kennu
• Jaartii gaarii, tan yeroo dadhabde haara si baafachiistu, tan yeroo beelooyte nyaata ati jaalattu sitti kennitu, tan ilmaan Kee diinirratti siif guddistu, tan haraamirraa if tiiysitu, Alaa mitii mana keessatti siif bareeddee tan si bashannansiiftu, Kabajaa fii Qabeenya keetiis tan sirritti siif kunuunsitu Rabbiin siif haa kennu.
• Mana Bal’aa, keessummaan dhuftee keessatti hafuura baafattu, beelawaan dhufee keessaa nyaatee dhugee irraa quufu, kan firaa fii Ahliin tee dhufanii keessatti gammadan, kan ilmaan kee keessa burraaqanii taphatan Rabbiin Siif Haa Kennu.
• Ollaa Gaarii, yeroo ati rakkatte si gargaaru, yeroo ati dhukkubsatte si wallaanu, kan yeroo ati duutellee si yaadatee Du’aa’ii Siif Godhu, kan ollummaa isaatti gammaddu, kan qe’ee tee Amma qe’ee isaatti siif tiiysu Rabbiin siif Haa Kennu.
• Yaabbii Gaarii, Makiinaa bareedduu, xayyaara bareedaa, markaba bareedaa, baabura bareedaa, Fardaa fii Gaangee bareedduu tan bobbaatee balk haajaa teetiin dheeyxee galtu, tan deemtee Fira Kee ittiin ziyaartu, tan deemtee ittiin bashannantu Rabbiin siif haa kennu.
Waan Gaggaarii Addunyaa tanarraa jiraa hunda RABBIIN isiniif haa kennu.
Barreeffama Kana Dubbisaa Share Waliif Godhaa.
https://t.me/ifiijeitoli