Harree Awwaalamte 🦄
Seenaa Gabaabduu kana irraa Waan baay'ee barattu!
Guyyaa tokko qotee bulaa tokko jalaa Harreen waggaa hedduu isa tajaajile tokko boolla gad fagoo keessa jalaa bu'e!
Harreen kunis boollicha keessaa bahuuf wixxifatullee boollichi gadi fagaachuu isaa irraa kan ka'e ba'uu akka hin dandeenye yommuu isaaf galu achuma keessa taa'ee sagalee isaa ol kaasee halaakuu eegale!
Qotee bulaan kunis Harree kana baasuuf yaaliin inni taasise Waan isaaf milkaa'u Hin dandeenyeef Yaada tokko yaade...
Harreen koo kun waggoota Hedduu na tajaajilaa turullee Amma garuu Umuriin isaa dulloomeera dugdi isaas dadhabeera akka duraaniitti na fayyaduu hin danda'u kanaaf Harree kana faana dhiphachuu koof ollaa koos rakkisuu koo irra horiin koo biroo boolla gadi fagoo kana keessa akka najalaa hin buuneef utuu harrichi boolicha keessa jiruu biyyoo itti deebisee boollicha duuchuun qaba jedhee murteesse!
Sana booda Ollaa isaa waammatee Biyyoo sana Boolla Harrichi keessa jirutti guutuu Eegalan Harrichis Baay'ina namoota kanaa ol ilaalee isa baasuuf utuu hin taane Isa awwaaluuf akka duulan yemmuu argu keessoon isaa baay'ee gadde! 😭
Namoota an duraan ba'aa jaraaf baachaa turetu har'a duugdi koo dadhabnaan bifti koo narraa harcaanaan jiratti na awwaaluuf natti duuluu? jedhee lapheen isaa cabe.Harrichis yommuu jarri na awwaalan callisee ilaaluu koo irra hamman danda'e of oolfachuuf dhama'uun qaba jedhee murteesse!
Sana booda yeroo jarri biyyoo marsaa jalqabaa itti naqan of Irraa urgufee biyyoo sana irra utuu dhaabatuu, Lammaffaa irrattis yommuu jarri itti naqan of irraa urgufuun utuu biyyoo sana irra dhaabatuu bakka sila ture irraa ol siqaa ol siqaa dhufee utuu akkas godhuu daqiiqaa muraasa booda utaalee boolla sana keessaa bahe!
Namoonni harree kana awwaaluuf duulaa turanis Akka harreen kun itti bahe ilaalanii hedduu ajaa'ibsiifatan!
Hubadhaa! 🖊
Obboloota koo namni kaleessa bifa kee, qabeenya kee, taayitaa kee, qarshii kee, ilaalee sitti fayyadamaa, si faarsaa, si jala fiigaa ture har'a garuu kufaatii kee irraa si oolchuuf utuu hin taane si balleessuuf si awwaaluuf warreen dhama'an keessaa isa tokko ta'ee yommuu argitu baay'ee lapheen nama caba!





