Yunivaarsiitiin Arsii qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu hundaaf mallattoo (loogoo) isa duraanii irratti fooyya'iinsa gochuun haaromsuu isaab beeksisera.
Tartiibni barreeffama loogoo haarawaa kanaa akka armaan gadiitti ta'uu isaa hubadhaa.
1ffaa – Afaan Oromoo
2ffaa – Afaan Amharaa
3ffaa – Afaan Ingiliziiti. Akkasumas spelliingiin barreeffama Afaan Oromoo "Yunivarsiitii Arsii" kan jedhu gara "Yuunivarsiitii Arsii" tti jijjiirameera.
Yunivaarsiitiin Arsii qooda fudhattoonni hundi loogoo haarawaa kana tartiiba barreeffamaa armaan olitti ibsame kanaan akka beektaniifi itti fayyadamtaniif gammachuudhaan isin beeksisa jechuun hawwaasaaf Ifa godhera.
#via:Yunivaarsiitii Arsii
@sikkoomedia

64
50
12
5August 24, 2026 12.7K 4