Umrii Waggaa 66tti Qormaata Kutaa 12ffaa Qabxii 320 Fiduun Kan Darban… — SIKKOO MEDIA — TG.ME

SIKKOO MEDIAPhoto
Umrii Waggaa 66tti Qormaata Kutaa 12ffaa Qabxii 320 Fiduun Kan Darban Qees Sayifuu Tasfaayee!

"Barnootaaf fedhii fi kakaumsi yoo jiraate umriin gufuu hin ta'u" dhugaa jedhu hojiin kan agarsiisan Qees Sayifuu Tasfaayee, qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaan qabxii 320 fiduun barattoota yunivarsiitii galuuf eeggachaa jiran keessaa tokko ta'aniiru.

Qees Sayifuun jiraataa Naannoo Tigraay, Godina Kibbaa, Aanaa Salawaa, Ganda Dajan yoo ta'an, magaalaa Salawaatti eegduu (waardiyyaa) Baankii Ambassaa ta'uun hojjechaa jiru. Hojii humnaa kana cinaattis barnoota isaanii obsaan itti fufuun qormaata biyyaalessaa kana fudhachuu danda'aniiru. Barattoota kuma 29 naannicha irraa qormaaticha fudhatan keessaa isaan tokko yoo ta'an, barattoota qabxii darbiinsaa fidan 3,146 keessatti milkaa'inaan of muudaniiru.

Qabxiin boonsaan Qees Sayifuu kun miidiyaalee hawaasaa irratti xiyyeeffannoo guddaa fi dinqisiifannaa kan argate yoo ta'u, baankiin isaan keessatti hojjetanis milkaa'ina kanaaf gammaduun badhaasa addaa kenneeraaf. Bankichi gama isaatiin haga isaan baratanii xumuranitti kan gargaaru ta’uufii mindaan isaanii maatii isaaniif cituu kan itti fufu ta’a, dabalataanis yeroo baratanii xumuran baankichi hojii akka mijeessuuf waadaa galeeraaf.

Abbaa ijoollee ja'aa kan ta'an Qees Sayifuun, seenaan isaanii barnootaaf umriin, hojiin ykn haalli jireenyaa kamiyyuu dhiibbaa akka hin taanee fi namni fedhii qabu galma yaade gahuu akka danda'u dhalootaaf fakkeenya guddaa ta'a.



@sikkoomedia
❤35👏9🥰3
August 30, 2026 4.3K 5