YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA.🏢 Barattoonni waa'ee Yuuniivasiitii… — SIKKOO MEDIA — TG.ME

SIKKOO MEDIAPhoto
✅️YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA.🏢
Barattoonni waa'ee Yuuniivasiitii Guddiicha baha Afriikaa Yuunivarsitii Haramaaayaa nuu maxxansi naan jechaa jirtan turuu kiyyaaf dhiifama isiniin jechuun barbaada xiqqo busy taheetiin barreefama dheeraa barreessuun naaf hin mijjanne turee.
👉waa'ee Yuunivarsitii Haramaaayaa haala jiruu fi jireenya barattootaa,akkaataa departemant itti kennamu akkasuma Yuunivarsitiin Haramaaayaa Yuunivarsiitiilee biroo irraa wantoota adda isii godhu hanga tokko gabaabseetiin isiniif barreessaa obsaan hanga dhumatti dubbisaa.
👉Bara 1954 G.C baha oromiyaa Godina Harargee bahaatti hundeefame. Finfinnee irraa 510KM fagaata. Imala sa'aa 12-14tti gatiin geejjibaa(Taataa 2400,Bus 3200 baaburri hanga dirre dhawaatti 1500) garuu gatiin dhiheenya kanaa dabalee jira.
☢️Branch gurguddaa Afur qaba.
1️⃣Main campus
2️⃣Gandaje(HIT)
3️⃣Station
4️⃣Harar campus
☑️Haala Qilleensaa.
⭐️main campus ji'oota sadaasaa-Amajjii xiqqo ni qorra kanarraa kan hafe haalli qilleensa ishee baay'ees hin qorru akkasuma baay'ees hin ho'u jireenyaaf baay'ee mijjataadha.
✳️Haala Nyaataa.
➡️Nyaanni foonii(There-fore) torbaanitti guyyaa lama.
➡️akkuma biyyaattuu nyaata qulqulluu barattootaaf dhiheessuun sadarkaa duraa irratti argamti.gibbii keessatti nyaata dabalataa fi wantoota mara maallaqa keetiin gatii salphaan bitatta.
Buna=qr. 15 shaayii=qr.10
➡️Bishaan gahaa waan qabduuf shawara galuu,uffata dhiqachuu fi bishaan dhugaatii qulqulluu sa'aa 24 yeroo barbaaddetti argatta.
🚻Jireenya Barattootaa fi Hawaasummaa.
➡️Yuunivarsiitichi sadarkaa biyyaatti fi Addunyaatiis hojiilee qorannoo fi gar gaarsa hawaasaatiin beekkamtii waan qabuuf Barattoonni suudaan kibbaa,somaaliyaa akkasuma naannoolee Ethiopia bakka adda addaa irraa irraa dhufanii waliin baratan. kun immoo muuxannoo hawaasummaa fi aadaa gara garaa barachuuf barattoonni carraa guddaa qaban.
☢️Yuunivarsiitichi ummata Harargee ummata jaalala fi kabajaan beekkamu keessatti waan argamuuf gibbii keessaa fi alattiis barataan hin hatamu.
🛂Iddoolee bashannanaa.
🚷main campus keessa bishaan daakki fi paarkiin bareedhaan bineensota akka leenca,waraabeessa,yeyyii,.....qabu jira.
🚳Haroon Haramaayaa kan namoonni bakka adda addaa irraa dhufanii daawataniis gibbii biratti argama.
📳Yuunivarsitiin Haramaaayaa magaalota gurguddoo kanneen akka Harar fi dire dawaatti baay'ee dhiho waan taheef achiis deemtee bashannanuu akkasuma uffataa fi meeshaalee gara garaa gatii salphaan bitachuu dandeessa.

🔼Departemantin Yuunivarsitii Haramaaayaa keessatti kennaman.
Aerospace Engineering, fi AI irraa kan hafe departemantiin hedduun ni jiru.



@sikkoomedia
❤61🥰9👏4
August 29, 2026 5.2K 20