RAAJIIDHA ❗️ Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Qabxii Qormaata… — SIKKOO MEDIA — TG.ME

#RAAJIIDHA ❗️
Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Qabxii Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Ifoomse.
Haaluma kanaan, bara 2018, akka waliigalaatti barattoonni 550,201 qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan.
Kanneen qormaata darban 70,544 (12.82%)

Oromiyaa keessatti, barattoota qormaata fudhatan keessaa 20,877 (10.53%) qormaata darbaniiru.

#Manneen_barnootaa_barattoota_isaanii_100% dabarsan:
- Biyyaalessaa: 88
- Oromiyaa: 37

#Qabxii_olaanaa_biyyaalessaa:
- Damee Barnootaa Saayinsii Uumamaa (#Natural_Science): 591 – Mana Barnootaa #Bultii_Addaa_WMO, Adaamaa irraa yoo ta'u,

- Damee Barnootaa Saayinsii Hawaasaa (#Social_Science) 576 – Mana Barnootaa Ifa Boruu #Bultii_Addaa_Dodolaa irraa ta'uun beekameera.

BBO



SIKKOOMEDIA
❤109👏56🙏26👍11🥰10😢2
August 22, 2026 11.8K 15