Qabxii Olaanaa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaa Ifoome!
Ibsa qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa har'a kennameen, qabxiin olaanaan bara kana galmaa'e ifoomeera.
Haaluma kanaan, damee Saayinsii Uumamaatiin (Natural Science) barattoota dhiiraa keessaa qabxiin olaanaan 600 keessaa 591.6 kan galmaa'e yoo ta'u, barataan qabxii ajaa'ibsiisaa kana fides barataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Odaa magaalaa Adaamaati.
Gama barattoota dubaraatiin , damee Saayinsii Uumamaa kanaan qabxiin olaanaan 600 keessaa 583 kan galmaa'e yoo ta'u, barattuun qabxii kana galmeessistes barattuu Mana Barumsaa Injiibaaraa Agawuu Midir ta'uun ifoomeera.
@sikkoomedia

33
9
2August 22, 2026 9.9K 15