#Dhaamsa_koo_2025 1. Ani ilma namaa hundumaa nan jaaladha, ija tokkoonan ilaalas. Hiriyaa garuu nan filadha. 2. Baay’een gadi of deebisa garuu of irran si deemsisa jechuu miti. 3. Isa na gararraa jiru irraa of tuulummaa tokko maleen baradha. Isa naa gadi jiruuf sassata tokko maleen qooda. 4. Nama hammakoo hin beekne fi nama hamilee koo rukutuuf tattaafatu wajjin second tokko hin dabarsu. 5. Akka na gorsitu nan barbaada. Akka na gogsitu garuu hin barbaadu. 6. Gaafa bishaan daaktu situ of baata malee Galaanatu si baata miti. Sababiin isaas ati of gadhiifnaan Galaanni second tokkoof illee sin baatu gadi sidabarsa. Kanaaf waan baay’ee nama irraa hin eegiin, kufaatiikeefis nama biraa hin komatiin ofiikeetti cimaa ta’i. 7. Tokkummaa jechuun akka qaaraa fi ashaboo walitti daakamuu jechuu miti. Akka tokkummaa dhaqnaa iddoo ofiitti shoora ofii bahuu dha malee. Kanaafuu cabsitee ofitti namakuuf hin rakkatiin ani anuma. @Dr dasta
Dhaamsa_koo_2025 1. Ani ilma namaa hundumaa nan jaaladha, ija… — Gola Beekumsaa — TG.ME
February 14, 2025 211 1