Namichaa_fi_simbirroo ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ Namichatu simbira bareedduu tokko harkaan qabee ajjeesuuf osoo jedhuu, duuu isheetiin dura ergaa xumuraa akka dabarfattuuf kadhatte. Ergaa sadiin siif dabarsa bara jireenya kee hundaatti isaan si fayyadu jetteen. ๐ฆ, 1ffaa, โWaan si harka jiru hin gadhiisinโ; ๐ฆ,2ffaa, โWaan darbetti hin gaabbinโ jetteetu sadaffaa utuu hin dubbatin callistee turte. Namichis maaloo ergaa kee isa sadaffaas natti himikaa jedheen. Ergaan koo inni _3ffaan waan bayee ulfaataa fi jireenya kee keessatti baayee si barbaachisudha. Isa kanan sitti himu garuu yoo gad na lakkifte qofaadha jetteen. Namichis gad ishee lakkise. Isheenis barristee erga mukarra qubattee booddee ergaa koo isa 3ffaa sitti himuu kootiin dura jalqaba irratti maalin siin jedhee jetteen. ๐ฆ,Innis, โWaan si harka jiru hin gadhiisinโ naan jette jedheen. โWaan ajajamte rawwatteeree?โ jetteen. โLakkiโ jedheen. Osoo kana hojii irra oolchite taee garaa koo keessa warqeetu jira ture, gadi na lakkisuu keetiin qabeenya si qofa osoo hin taane ijoollee kee illee jiraachisuu dandau dhabde jetteen. . ๐ฆ, โErgaan inni 2ffaan maal jedha ture?โjetteen. Innis, โWaan darbetti hin gaabbinโ kan jedhudha jedheen. Isheenis deebistee, "Ergaan 3ffaanis isuma 2ffaa kanadha. Isuma irra deebiii raawwadhu" jetteen jedhama. ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ Ajaja 1ffaa fi 2ffaa osoo hojiitti hin hiikin ammas ajajaa 3ffaa dhagauuf Si'ate. Osoo ajajuma 1ffaa sana hubatee raawwate taee warqiinis Kan isaa ture. Ajaja dhagahuu diduun nama gaabbisiisa,garuu Kan darbeef gaabbuun Kan Boruu balleessuu waan ta'eef waan ajajamte raawwachuuf yoomiyyuu Of qopheessi. ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ
Namichaa_fi_simbirroo ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ๐ฆ Namichatu simbiraโฆ โ Gola Beekumsaa โ TG.ME
October 31, 2024 280 1