Jireenya kee keessatti namoota gosa sadiitu jiru. THE 3 TYPES OF PEOPLE IN YOUR LIFE.. 1.Namoota akka baala 🌿 The Leaf people 2.Namoota akka damee 🌵The Branch people 3. Namoota akka hiddaa /The Root people #Namoota akka baala;- warri Kun namoota yeroo tokkoof qofa jireenya kee keessa dhufanidha. Isaan irratti hirkachuuu hin dandeessu, sababni isaas isaan dadhaboo waan ta'aniif waan barbaadan qofa fudhachuuf garakee dhufu, garuu yoo qilleensi dhufu ni deemu. Namoota kana irraa of eeggachuu qabda! sababiin isaas yeroo itti tole si jaallatu. Garuu yeroo qilleensi dhufu si dhiisani deemu. #Namoota akka damee.;- isan kun Cimoodha garuu, isaan irrattis of eeggannoo gochuu qabda. Jireenyi yeroo cimaa ta'u ulfaatina baay'ee dandamachuu hin danda'aan. sirraa adda ba'u. Yeroo tokko tokko si bira turuu danda'u garuu yeroo haalli itti ulfaatu ni deemu. #Namoota akka hiddaa;-Namoonni kun waan mul'atu waan hin hojjenneef baay'ee barbaachisoodha. Deeggarsa yeroo rakkisaa keessa ittiin darbitu bishaan si obaasu.raafamuu keetiin hin socho'an akkasitti si jaallatu. ati jaallattes dhiistes ofumaan si jaallatu.garuu of hin agarsiisan! jireenya keessatti Namoota ati qunnamtu ykn waliin hariiroo qabdu hundi si dhiisanii deemu, Gosa namoota hiddaa qofaatu si biratti hafa. Isan jabeessi!
Jireenya kee keessatti namoota gosa sadiitu jiru. THE 3 TYPES OF… — Gola Beekumsaa — TG.ME
October 17, 2024 271