Sooqiraaxes Waa'een falaasamaa gaafa ka'u maqaan isaas ka'uu hin… — Gola Beekumsaa — TG.ME

Sooqiraaxes Waa'een falaasamaa gaafa ka'u maqaan isaas ka'uu hin oolu. Soqiraates! Dhaloota Kiristoosiin dura bara 400 keessa jiraachaa ture.Kitaaba ofii barreesse hin qabu. Waa'ee isaa kan barreessan Pilaatoo fi Ziinofanidha. Har'a kan nuti nama kana beekuu dandeenyes sababa isaaniifi.Waa'ee Soqiraaxes irratti ibsa namootni kun lamaan barreessan gidduu garaagarummaan hangi ta'e jiraatus, bal'inaan kan amanamuu fi wabeeffatamu kitaabilee Pilaatoon barreesse irraati. Soqiraates mala yeroo ammaa 𝑆𝑜𝑐𝑟𝑎𝑡𝑖𝑐 𝑚𝑒𝑡ℎ𝑜𝑑 jedhamuun bal'inaan ni beekama. Kunis mala inni yeroo barattoota isaa waliin ture itti fayyadamaa tureedha.Gabaabumatti, gaafachuu waliin wal qabata.Ibsa kennuu caalaatti, gaafatanii akka namni ofiin yaadu gochuudha.Waan namni akka dhugaatti qabatee taa'u irra deebiin yaachisuu,falmii irrattis gaaffiin tokko hamma gaafataa sanattuu gaaffii ta'utti deebisanii gaafachuudha.Kun har'as dhimma itti ni ba'ama. Mala isaa kana bal'inaan caqasuuf kitaaba Pilaatoon barreesse- 𝐏𝐡𝐚𝐞𝐝𝐨 dubbisuu dandeessu. Bara Soqiraates sana hawaasni Giriikii Waaqa guddicha 𝐙𝐞𝐮𝐬 jechuudhaan waaman dabalatee,Waaqolii garaagaraa baay'ee waaqessu.Soqiraates ammoo ilaalchi amantaa isaa kan isaaniirraa adda. Kanarraa ka'uunis mufiin namootni irratti qaban baay'ee ture. Soqiraates gabaabumatti ofiisaa nama gaarii akka ta'etti waan yaaduuf, jiraatus Waaqni gaarii ta'e kamuu akka isa hin hubne amantaa qaba.Dhimma baay'ee irratti ℎ𝑖𝑛 𝑏𝑒𝑒𝑘𝑢 jechuudhaan dubbachaa waan tureef, moggaasni kun du'a isaan booda kan dhufe ta'us, namni yeroo duraaf 𝐴𝑔𝑛𝑜𝑠𝑡𝑖𝑐 ta'uunsaa beekame isa akka ta'etti kan dubbatanis jiru. ★Waan tokko beeka; innis waa tokkoyyuu akkan hin beekneedha. ★Namni gaafa akka hin beekne beeku ogeessa ta'uu jalqaba... Himoota jedhanfaa dubbachaa ture."Of beeki!" dubbiisaa jedhuunis ni beekama. Qabxiilee ijoo inni eeraa ture keessaas kuni tokko. Ofii keenyaa fi jireenya jiraannu beekuu akka qabnu dubbata.Qabxiilee jiruu fi jireenya dhuunfaa waliin wal qabatan baay'ee barsiisaa ture. Soqiraates du'a sodaachuu akka dabumaa qofaatti hin ilaalu; akka wallaalummaatti ilaala ture.'Namni waa'ee jireenyaa hubate, waan du'a boodaa beekuu fedha malee, hin sodaatu' yaada jedhu qaba.Kanarraa ka'uun du'a isaan dura yeroo magaalaa Ateensi gad-dhiisee akkanni ba'u itti himamaa ture illee hin fudhanne; achumatti du'uu filate.Dargaggoota walitti qabuun gaaffilee gaafachuu fi barsiisuus itti fufe. Yeroodhaan booda, 'dargaggoota magaalaa Ateensi burjaajessaa jira' himata jedhuun duuti itti murtaa'e.(Bal'inaaf kitaaba Pilaatoo- 𝐀𝐩𝐨𝐥𝐨𝐠𝐲 dubbisuu dandeessu). Dhumarrattis, Soqiraates summiidhaan ajjeefame. Namichi ajjeefame kun Pilaatoodhaaf sababa ta'e. Pilaatoon ammoo Aristootiliif sababa ta'e; Aristootil ammoo Loojikiidhaaf sababa ta'e. (Loojikiin immoo bilchinaaf sababa ta'e. Madda Osho Official irraa

September 29, 2024 285