JECHOOTA BEEKTOTAA ➲"Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti." #Biilii_Giraam ➲ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa." #Biilii_Giraam ➲"Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu." #Looyid_Joonsi ➲"Muka ija qabutti dhagaan baay'ata." #Shiikeeraa ➲"Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin." #Ingilizoota ➲"Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu." #Giriikota ➲"Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baayyee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi." #Araboota ➲"Beekumsi nyaata lubbuuti." #Pilaatoo ➲"Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif." #Abrahaam_Liinkan
JECHOOTA BEEKTOTAA ➲"Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee… — Gola Beekumsaa — TG.ME
September 5, 2024 258 2