Palestine Mirga ofiitiif falmachuun Jaraaf yakka ta’ee badii Warra… — Riyad Abdo Officials — TG.ME

Palestine

Mirga ofiitiif falmachuun
Jaraaf yakka ta’ee badii
Warra itti roobaa jiru
Boombiin samii irraa gadi,
Hamminni ilmaan yahuudotaa
Kan jaratti ta’e 'aazaa'
Hirkoo ta’iifii gaachani
Rahmaan Falasxiiniif gaazaa

Warri jallinaan guutamuun
Naatoo namummaa gurguran
Warri humnaan bara dheeraaf
To’achuun gaazaa ugguran,
Warri har’as daguuggiidhaan
Lammilee nagaa hunkuran....
Hirree keetu nurraa cabsaa
Rahmaan harka nuuf diriirsi
Muslima afaan tokko godhii
Humna cimaan nuuf hiriirsi.

Islaamummaaf dhiibamani
Saamamanii lafaaf biyya,
YaaRabbi ati nuuf gargaari
Birmadhuuf dhaga’ii iyya.
Lubbuu lammii nagaa tiksii
Haqa kenniif abbaa maluu
Diina jaraa humna buusi
Haamaas mirgaan akka galuu

Erga waggaa shantamaatii
Gabrootakee ijji hin qoorree
Gargaarsakee male-n moonu
Nuti hagamiyyuu joorree
Humna keetu mara moo’ee
Gufuu karaarraa nuuf maqsaa
Yaa Allaah nuuf bilisoomsi
Manakee masjiida Aqsaa..!
😢7👍3❤1
April 1, 2026 472 1