Mukni tokko akkuma yeroo bonaa baala buufatu, waqtiin gannaa yeroo dhuftu baala deebifatuun waan hin oolleedha. Kanaaf, atis isa kanaan dura itti dadhabdee siif milkaa'uu dide, boru ni milkeessita. Isa arra argattee dhabde, boru ammoo isa caalaa dachaan akka argachuu dandeessu amanuu qabda.
Addunyaan wantoota waliif faallaa ta'an lamaan guutamtee argamti. Isaanis: guyyaa fi halkan, roobaa fi caama, bishaanii fi ibidda, dhiiraa fi dubartii, du'aa fi jireenya, argataa fi dhaba, hiyyummaa fi durummaa, gaddaafi gammachuu, jaalalaafi jibbaa fi.k.k fakkaatan of keessaa qabdi. Kanaafuu, yaadonni kunniin addunyaan kun waan tokko qofa baadhatti jennee akka hin amanneef gargaara. Wanti hundi jijjiiramaadha. Wanti hin jijjiiramne jijjjiirama mataa isaa qofa.
Kufanii ka'uun akkuma jiru, kasaaranii irraa baratanii kan darbe caalaa milkaa'uuf akka nama gargaaru asirraa baranna.
1August 24, 2026 102